Xurree ittiin seenan

Breaking News

Mootummaan Itiyoophiyaa Tigraaytii Gargaarsaa Ergaa Jiraachuun Ibsame


Faayilii - Namoota Tigraay keessaatti qehee irraa buqahaan, Maqalee, Tigraay, Caamzaa 5, 2021
Faayilii - Namoota Tigraay keessaatti qehee irraa buqahaan, Maqalee, Tigraay, Caamzaa 5, 2021

Dhaabanii mootumma Itiyoophiyaa komishiiniin hogansaa ojii sodaa balaa biyyoolessaa konkola’atonii gargaarsa fe’an 47 magaalaa naannoo Affaar Samaraa irraa ka’uudhaan garaa Maqaleetii emaluu akka jalqaban himeeraa.

Komishineeriin jarmiyyichaa Mitikuu Kaasaa akka tajaajila oduu Itiyoopiyaatii himanitii, konkola’atota 47 keessaa 22 midhaan nyaataa kuntaalaa 7649 kan fe’an yemuu ta’u, warrii hafanimoo gargaarsa adda addaa kan nyaataan alaa kuntaala 7300 kan fe’aniidhha.

Qotee bultoota naannoo Tigraay gargaaruudhaafs karaa ministeeraa qotiinsaafi gargaartotaa isaatiin sanyii filatamaan kuntaala 10,359 konkola’ataa 12 ti fe’amanii Tigiraatitii geessuudhaaf gaafii ministeerii qotiinsaa dhiheeseef eeyamnii kenamuu isaa komishiner Mitikuun dubataniiru.

Gargaarsa atattamaan qaqqabsiisuudhaaf kallatiidhaan balalii xiyyaaraa addaa gochuuf, akkasumas gargaarsa samii ykn qileensa irraa gad darbachuuf gaafii jarmiyaalee adda adda irra dhihaatee mootummaan akka hin fudhanne konishineerichii ibsaniiru.

Maqaa gargaarsaatiin gocha birmadummaa biyyatii tuqu akka hin eeyamnee kan ibsan konoshineerichii, amma ammaati naannoo Tigraayif gargaarsaa namoomaa godhame keessaa kan mootummaa harka 70 yemmuu ta’u, deegertoonii gargarsaa biroo kan gargaaran harka 30 akka ta’e himaniiru.

Tamsaasa Guyaadhaa Guyyaa

Tamsaasa Guyaadhaa Guyyaa
please wait

No media source currently available

0:00 0:29:58 0:00
More
XS
SM
MD
LG