Xurree ittiin seenan

Breaking News

Mootummaan Ivory Coast Siiviilota Hidhachiise



Prezidaant Laurent Gbagboo erga tokkummaan mootummootaa mormituu isaanii Alassan Ouattara filannoo presidentummaa injifachuu isaanii beekkannaa kennee booda hojii jarmiychi gamasii qabu akka dhaabu dhiibbaa gochaa jiran.

Tokkummaan mootummootaa garu aangoo Mr. Gbagboon qabaniif ammaan booda beekkannaa waan hin kenniniif jecha hojii gamasii qabu addaan kutuu dide.

Humnootiin naga eegumsaas hoteela Mr. Wataaran keessa maadheffatanii jiranii fi loltoonni Gbagbo itti marsanii jiraniif eegumsa gochaa jiran.

Humnootii naga eegumsa mootummaa fi finciltoota deggetoota Mr. Wataara daangaa Laaybeeriaa cinatti walitti bu’iinsi uumame torbanneen lammaffaa qabateera.

Mootummaan Mr. Gbaagboo tokkummaa mootummootaa diina uummata Ivory Coast jechuun duula oofaa jira.

Muummichi barreessaan tokkummaa mootummootaa Ban ki-Moon Mr. Gbaagboon seera uggura meeshaa waraanaa sadarkaa addunyaa cabsuu dhaan helikoptera waraanaa Belarusii galchan jechuun qeeqan dubbi himaan Gbagbo Ahoua Don Mello immoo kijiba jechuu dhaan kun kan tokkummaa mootummootaa faallaa deggertoota Gbagbo guruuf taasisee jedhan.

Tamsaasa Guyaadhaa Guyyaa

Tamsaasa Guyaadhaa Guyyaa
please wait

No media source currently available

0:00 0:29:58 0:00
More
XS
SM
MD
LG