Haanga’onni mootummaa Kaanaadaa shufeerota Konkola’taa fe’isaa wareen talaallii Koovid 19n walqabatee mormii kaasanii daandii cufan irratti tarkaanfii fudhachuu isaanii itti fufanii jiru.
Mormii torbanootaa dura Kanaadaatti jalqabamee biyyoottan biroo keessattis mulachuu jalqabe kun, keessumaa karaa biyyoottan hidhata diinagdee cimaa qaban Kaanadaa fi Yunaayitid isteetsn walti fidu cufuun isaanii sochii dinagdee irratti rakkina wann fidaa jiruuf aangoo yeroo muddamaa fayyadamuudhaan barbaachisaa akka ta’e muumeen ministeeraa kanadaa Jastiin Turuudoo ibsaniiru.
Tarkaanfiin kun, kan yeroodhaan murtaa’e, kan bakka addaan baafamee beekamee irratii qofa xiyyeeffate, kan umna barbaachisaa fi madaalawaa ta’e itti fayyadamuu ta’uu isaa mumichii ministeraa Kaanaadaa dabalanii ibsaniiru.