Xurree ittiin seenan

Breaking News

Mootummaan Naannoo Affaar Wal-waraansa Naanichatti Geggeeffameen Namoonni Gara Kuma 300 ol Ta’an Buqahuu Dubbata


FAAYILII - Meeshaa waraanaa barbadaahe, Caamsa 1, 2021.
FAAYILII - Meeshaa waraanaa barbadaahe, Caamsa 1, 2021.

Naannoo bulchiinsa Affaar, Godina Kilbetti Resu bakkeewan Loltoonii TPLF wereeraa raawwatan keessaa namoottan jiranf baqatanii garaa bakkeewan nageenyaa qaban qaqqabuu hin dandeenyee 150 ,000 ol ta’an haalii isaan keessa jiran waan hinbeekamneef firoottan isaanii akka yaaddoo keessa jiran sagalee Amerikaatii himuu isaanii gabaasin Masfin Aragee beekisiseera.

Mootummaan naanno Affaar Ibsa tibbana baaseen unmootin TPLF magaalaa Sardoo ishee karaa gudichaa Jibutiidhaa Garaa walakkeesa biyyaa geessuu qabachuudhaaf lola banuu isaanii ibsee sababa walwaraansaa kanaatiin kan ka’ee namoonii 300,000 jireenyaa isaanii irraa akka buqqa’an beekisiseera.

Tamsaasa Guyaadhaa Guyyaa

Tamsaasa Guyaadhaa Guyyaa
please wait

No media source currently available

0:00 0:29:58 0:00
More
XS
SM
MD
LG