Mootummaan naannnoo Somaalee jireenya uummata naannichaa fi dhiheessii bishaanii fooyyessuuf jecha lafa Hektaara-Kaaree 847 jal’isiin misoomsoof karoorfachuu isaa labsee jira.
Bakkawwan proojektoota jal’isii keessaa tokko ennaa daawwatanitti gaazzexeessotaaf ibsa ka kennan – itti-aanaa prezidaantiin naannoo Somaalee Ibraahim Osmaan, mootummaam isaanii ministara Jal’isii fi Lafa Gammoojii ka federaalaa wajjiin kan hoojjetu tahuu dubbatan. Akka itti-aanaa prezidaantii naannichaa jedhanitti, akeekni mootummaa uummata horsiisee bulaa guutummmaatti gara hojii qonnaatti ceesuuf otuu hin taane, qonnaa wal-makaa, kan lafa qotataa horii horsisuu akka tahu jajjabeessuutti ka fuuleffate, jedhame.
Mootummaa Federaala Itiyoophiyaatti, ministarri Jal’isii fi Lafa Gammoojjii Ayishaa Mohaammad, dhimmumma kana irratti ibsa kennaniin, naannoo Somaalee keessatti waggoota kurna dabraniif rakkoo hongeen uumeen uummatni kuma dhibbootaan lakkaawamu gidiraa keessa waan jiruuf, proojektoota kana hatattamaan xumuruun barbaachisaa dha, jdhan. Ministarichi qarshii miliyoona 300 fi miliyoona 88 proojektichaaf baasuu ramaduu isaa dubbata – ministarichi, jechuun, Yonaataan Zebdiyoos gabaasee jira.