Xurree ittiin seenan

Breaking News

Mootummaan Naannoo Somaalee Mana Hidhaa Keessatti Dararaa Hin Raawwanne Jechuun Haale


Jail Ogaden, Ethiopia
Jail Ogaden, Ethiopia

Mootummaan naannoo Somaalee dararaa mana hidhaa jijjigaa keessatti raawwatamaa jiru hale.

Kun kan dhaga’ame gabaasa bal’aa Human Rights Watch baasee kan jijjigaa keessatti dararaa hamaa jiru galmeesse kan “Jail Ogaden kan magaalaa guddoo naannoo somaalee jedhu irratti.

Ministeerri odeeffannoo naannoo Somalee Idris Ismail Abdi VOA sagantaa Afaan Somaaleef torban kana ibsa kennaniin gabaasa sana argeeraa, dhugaa mitii, dhugaa irratti kan hundaa’e miti jechuun haalan.

HRW as dhufee kan namootatti dubbate miti. kun dhugaa irraa fagoo, oduu uumamee odeeffame jedhan Abdiin.

Gabaasi HRW namoota mana hidhaa keessa turan 70 gaafachuun akkasumas angawoota mootummaa waliin gaaffii fi deebii geggeeffame irratti hundaa’uu ta’uun ibsameera.

HRW gabaasa isaa kana maxxansuu sa’aatilee hanga tokko dura abbaan alangaa muummichi Irtiyoophiyaa Birhaanuu Tsaggaayee hoogganoonni manneen hidhaa martinuu itt igaafatama isaanii ba’uu dhabuu fi mirga hidhamtootaa eeguu dhabuu isaaniin hojii irraa ari’amuu TV Faanaa gabaase.

Tamsaasa Guyaadhaa Guyyaa

Tamsaasa Guyaadhaa Guyyaa
please wait

No media source currently available

0:00 0:29:59 0:00
More
XS
SM
MD
LG