Xurree ittiin seenan

Breaking News

Mootummaan Naayjeriyaa Dhimma Namoota Butamanii Hordofaa Hin:Komee Maatii 


Namoota haleellaa Bokoo Haraam dheeffan, Naayjeeriyaa, Caamsaa 25, 2015

Naayjeriyaa kutaa Kaadunaa keessatti dhuma baatii Bitooteessa dabre baabuurri imaltootaa hidhattonni haleeluun namoota butanii fudhatan sana gadhisisuuf mootummaan hojii qubsaa hin gaggeessine jechuun firoonni namoota butamanii himatanii jiru.

Korporeeshiniin waa’ee geejiiba baabuuraa akka jedhutti, erga haleellaan sun gaggeeffamee booda namoonni 160 caalan eessa buteen isaanii dhabamee jira.

Haleellaa Kanaan midhamte hospitaala kan jirtu Faaxumaa Abuubakar intala ishee waliin turte.Baabuura haleelanii akka dhaabatuu eega taasisanii booda, haleellaa banuun nama 8 ajjeesan akkasumas hedduu butanii fudhatan jette.Kanneen butaman keessaa tokko intala isheeti. Haga ammaatti mootummaan waan hojjate hin qabu. Waan mootummaa biraa dhageenyees hin qabnu jette.

Angawoonn Naayjeriyaa akka jedhanti, namoonni butaman kun haal duree tokko malee akka gaadhiifaman yaalaa jiru.Tarkaanfii fudhataa jiran kana ilaaleen maatii midhamtootaatti himnee deemsicha danquu hin feenu jedhu.

Tamsaasa Guyaadhaa Guyyaa

Tamsaasa Guyaadhaa Guyyaa
please wait

No media source currently available

0:00 0:29:59 0:00
More
XS
SM
MD
LG