Mootummaan Somaaliyaa Dilbata kaleessaa akka jedhetti loltoonni isaa kan addaa hidhattoota al-Shabab 21 naannoo Shabelle gadii aanuu ka biyyattii keessatti duula gaggeeffameen ajjeesuu ibseera.
Ministeerri Odeeffannoo Ibsa Dilbata kaleessaa kenneen loltoonni isaa Ejensii Tikaa fi Nageenya Biyyoolessaa irraa dhufan garee hidhattoota al-Qaayidaa waliin hidhata qaban al-Shabab irratti duula haaraa gaggeessuun loltoota 21 ajjeesuu fi 10 madeessuu isaanii ibseera.
Duulli kun kan raawwatame erga humnoonni basaasaa al-Shabab haleellaa “ummata Somaaliyaa miidhuuf” karoorfateera jedhu erga argateen booda ta’uu ibsii ba’e hubachisee jira.
Dullii karoorfame kun godina Shabelle isa gadii ganda Galka Salimow jedhamutti gaggeeffame.Mootummaan kun haleellaa kun samii irraa haata’uu waraana lafoo waan ibse hin qabu.
Ibsa mootummaa akka jedhutti, guyyoota afur keessatti hidhattoonni al-Shabab 200 akka ajjeefaman ibseera. RSA ibsa kana kan ilaaleen madden wlaba ta’an biraa mirkanii argachuu hin dandeenye.
Forum