Xurree ittiin seenan

Breaking News

Mootummaan Tokkummaa Emireetota Arabaa Yaalii Uummata Faalisxiin Biyya Isaanii Irraa Buqqisuu Bifa Kamiinuu Hin Fudhadhu, Jedha


Mootummaan Tokkummaa Emireetota Arabaa Yaalii Uummata Faalisxiin Biyya Isaanii Irraa Buqqisuu Bifa Kamiinuu Hin Fudhadhu, Jedha
Mootummaan Tokkummaa Emireetota Arabaa Yaalii Uummata Faalisxiin Biyya Isaanii Irraa Buqqisuu Bifa Kamiinuu Hin Fudhadhu, Jedha

Pirezidaantiin Tokkummaa Emireetota Arabaa Sheek Mohaammad Bin Zaayid Al Nahyan kan Roobii har’aa Abu Daabii daawwatan Ministira Dhimma Alaa Ameerikaa Maarkoo Ruubiyootti akka himanitti,biyyi isaanii yaalii ummata Falasxiin lafa isaanii irraa buqqisuuf taasisamu kamiyyuu” hin simattu jedhan.

Miidiyaaleen mootummaa Tokkummaa Emireetota Arabaa yaada kana kan gabaasan yoo ta’u, pirezidaantichi waldhabdeen Gaazaa keessatti akka hin babal’anne ittisuun barbaachisaa ta’uu ibsuu isaanii tuqaniiru.

Itti dabaluu dhaanis, deebisanii ijaaruun Gaazaa daandii gara nageenya waarinsaatti geessu wal qabsiisuu dhaan, mala tokkicha kan ta’e furmaata biyyoota lamaanii irratti kan hundaa’ee fi sabatiinsa naannoo mirkaneessu ta’uu akka qabu gabaasichi ibsee jira.

Hoggantoonni Arabaa karoora Pirezidaantiin Yunaayitid Isteetis Doonaald Tiraamp Falasxiinonni Gaazaa gadhiisanii gara biyyoota naannichaa birootti akka deeman, akkasumas Yunaayitid Isteetis naannoo Falasxiin akka dhuunfattee deebisee ijaartu yaada dhiyeessan fudhatama dhabsiisaniiru.

Daawwannaan Ruubiyoon kun qaama daawwannaa biyyoota hedduu kan hoggantoota Israa’elii fi Sa’uudii Arabiyaa waliinis mari’achuu kan of keessaa qabu yoo ta’u, kunis yeroo dhukaasa dhaabuu Israa’elii fi Hamaas gidduu kan Gaazaa keessa marsaa jalqabaa torban dhumaa seenetti ture.

Gama biraatiin, hogganaan Hamaas Khalil al-Hayyaa gareen kun Dilbata dhufu namoota Israa’el booji’aman ja’a dabalataan akka gadhiisu, Kamisa ammoo reeffa namoota afur biroo akka deebisu beeksisaniiru.

Kunis murtee Israa’el manneen bakkaa bakkatti socho’anii fi meeshaalee ijaarsaa gara Gaazaa akka seenan hayyamuu isheef deebii kennuu dhaan ture. Namoonni booji’aman ja’an kun marsaa dhukaasa dhaabuu amma jiruun kan gad-dhiisaman kanneen dhumaa yoo ta’u, jalqaba baatii Bitootessaa keessa xumurama. Hamaas ammallee booji'amtoota naannoo 70 kan qabatee jiru yoo ta'u, walakkaan isaanii lubbuun jiru. Yeroo dhukaasa dhaabuu kanaatti Hamaas namoota booji’aman 24 kan gadhiise yoo ta’u, Israa’el ammoo hidhamtoota Falasxiin 1,000 ol gad dhiistee jirti.

Forum

XS
SM
MD
LG