Xurree ittiin seenan

Breaking News

Mootummaan Uggura Kaa’u Iyyuu Mormiin Maaynamaar Itti Fufera 


Hoogganaan waldaa biyyoota Asiyaa kibba gama bahaa kan Bruney, haala Maaynamaar bakka mootummaan mormitoota farra fonqolcha mootummaa kan Guraandhala tokkoo irratti haleellaa oofuu mari’achuuf hoogganooa naannoof waamicha dabarsan.

Maleeshiyaa waliin ta’u dhaan Bruuneey ibsa kennaniin biyyoonni lamaan ministeroonnii fi angawoonni gameeyyiin Jakaartaa Indooneshiyaa keessatti wal ga’ee geggeessamuuf qophee barbaachisu akka godhan gaafatan.

Ibsi kun kan dhaga’ame muummicha miniseeraa Maleeshiyaa Muhiyiddin Yassin fi kan Bruneeyi Sultaan Hassanal Bolkiihaa gidduutti mariin erga geggeessamee booda.

Indooneeshiyaan biyyoonni miseensoa biyyoota Aasia gama ibbaa kan Maaynamaar miseensa itti taatee jirtu imaammanni yeroo dheeraa kan rakkoo keesssoo walii isaanii irratti yaada akka hin kennine jiraatu iyyuu marii dhaan furmaanni akka argamu jajjabeessitee jirti.

Mormiin uummataa kan ka’e erga waraanni Aan Saan Suushii fi Prezidaant Win Myint fi hoogganoota mootummaa kanneen biroo to’annaa jala oolchuun fonqolha geggeessee booda.

Mootummaan mormitoota kana irratti tarkaanfii humnaa fudhateen namoonni 557 yoo du’an kanneen 2,750 ta’an immoo madaa’aniiru. Mormitoonni garuu hookkarri ka’u iyyuu mala ittiin morman tooftaa tolfachuun dura dhaabbannaa itti fufanii jiru. Wixata har’aa galgala, gareen miidiyaa hawaasaa qindeesse waamicha daarseen kutaalee magaalaa Yaangoon adda addaa keessatti hiriiruu dhaan harka walitti dha’aa turan. Kunis dhaabolii gosoota hidhataniif kabajaa qaban ibsuu fi mootummaa mormuuf jecha.

Gama biraan mootummaan bulchiinsa waraanaa taatolee 60 irra hedduun isaanii dhokatanii jiran mormii sana deggertan jechuun ajaja hidhaa irratti baasee jira.

Gaazixaan The Global New Light of Myanmar jedhu toora taatolee, namoota muziqaa fi kanneen miidhiyaa hawaasaa irratti barreessanii sabatiinsa biyyaa irraan dhiibbaa kaa’an jedhuu tarreessee jira. Namoonni kun hanga hidhaa waggoota sadii itti murtaa’uu mala.

Tamsaasa Guyaadhaa Guyyaa

Tamsaasa Guyaadhaa Guyyaa
please wait

No media source currently available

0:00 0:29:59 0:00
More
XS
SM
MD
LG