Xurree ittiin seenan

Breaking News

“Mootumman Itoophiiya Tarkkanfii Oromiyaa Kessatti Fudhate Dogoggora Ta’u Amanee jira,” Ministirii Dhimma-alaa Yunaaytid Isteetsitti Itti Aantuu Ministeera Dhimmoota Afrikaa.


Lindaa Toomaas Griinfiild, Ministirii Dhimma-alaa Yunaaytid Isteetsitti itti aantuun ministeera dhimmoota Afrikaa
Lindaa Toomaas Griinfiild, Ministirii Dhimma-alaa Yunaaytid Isteetsitti itti aantuun ministeera dhimmoota Afrikaa

Yaa’ii Gamtaa Afrikaa Finfinneetti taa’ee, kaleessa xumurame irratti han hirmaate, gareen Yunaaytid Isteets dhimmoota adda addaa irratti gaazexesitootaf ibsa kenneera. Gaafiwwaan dhihaatef keessaa tokko mormii fi jeequmsa Oromiyaa keessa ji’a sadi’if deema jiru kan ilaallate ture. Dura teechuun USAID fi hoggantuun garichaa Addee Geel Ismiiz hala Oromiyaa kessa laalchisee qama mootummaa, akkasumas Oromoota wajjin walarginee hasahuu isaani dubbatte.

Mootumaan Itoophiiyaa yeeroo biyyattiin rakkoo siyaasaa keessa seente hunda hiriira nagaa warra bahan irrattii dhukaasa banuun fillannoo bara 2005 dabalatee kan baratame. Ammas hiriirtota nagaa Oromiyaa iratti kun rawwatamuu isaatin walqabatee gaafiin han dhihaateef Ministirii Dhimma-alaa Yunaaytid Isteetsitti itti aantuun ministeera , ka dhimmoota Afrikaa, Lindaa Toomaas Griinfiild “Motumman Itiyphiiyaa tarkkanffin fudhatee dogoggora ta’uu amaneera,” jette.

Gama biraatin mormii fi walitti bu’iinsa Oromiyaa keesaatiif sababni rakkina bulchiinsa gaaridhan walqabate ta’u qondaaltonni Dhaabbata Demookraatawaa Ummata Oromoo dubbatan. Murti kanarras han gahamee marii Dh.D.U.O haala oromiyaa kessa qorachuuf taasiserratti ta’uu isaa Itti aantuu dura-butuun dhabichaa fi Kaabinee Itoophiyaatti,sadarkaa itti aanaa-ministiraatti qindeesituun dhimma bulchiinsa gaarii, Aadde Asteer Maamoo televisiyoona Itiyoophiyaaf ibsitee jirti.

Murtiin, kan Addee Asteer irra gahamee jette kun garuu waan kana dura waayee mormii Oromiyaa keessa laachisee qondaaltoonni Mootumaa biyyatti jechaa turaniin wal hin fakkaanne. Paartiileen mormituu biyyattius mormiin kun baay’ina roorroo irraa ka dhufee jechaa turan.

Marii fi qorannoo godhamee kanarratti dura-ta’aan DH.D.U.O fi Pireesdaantiin naannoo Oromiyaa, Muktar Kadir hin mullane. Isa bakka bu’uun kan midiiyaadhaaf ibsa kennes itti aanaa isaa Obbo Isheetuu Dessee ta’uu Iskindir Fireew Finfinneerraa gabaaseera.

Gabaasni sagalee kunooti
please wait

No media source currently available

0:00 0:04:30 0:00
Xurree marsariitii

Tamsaasa Guyaadhaa Guyyaa

Tamsaasa Guyaadhaa Guyyaa
please wait

No media source currently available

0:00 0:29:59 0:00
More
XS
SM
MD
LG