Xurree ittiin seenan

Breaking News

Moqaadishoo keessatti haleellaa raawwtameen namoonnii ajjeefaman


Naannoo buufata xiyyaaraa Adan Abdullee, Moqaadishoo Bitootessa 23, 2022.
Naannoo buufata xiyyaaraa Adan Abdullee, Moqaadishoo Bitootessa 23, 2022.

Gareen hidhattootaa Somaaliyaa keessa Sosocho’u Al Shabaab buufata Xiyyaaraa magaalaa Moqadishoo irratti haleellaa raawwateen yoo xinnaatee namoonii 6 du’uu isaanii haanga’oonii Poolisii Somaaliyaa VOAtti himaniiru.

Dubbi- himaan Poolisii Somaaliyaa Maajer Abdifatah Aden Hassan akka jedhanitti namoottan balaa kanaan du’an 6 keessaa 5 lammiilee biyyaa laaati. Shanan keessaa tookko miseensaa garee naga eegdotaa gamtaa Afrikaa (AMISOM) yemuu ta’u, Afur immoo leenjistootaa meeshaa waraanaa dhodhoowan irratti Mootummaa Somaliyaa warreen gargaaran akka ta’e dubii-himaan poolisii Somaaliyaa ibsaniiru. Namoottan haleellaa kana raawwatan lamas Ajeefamuun isaanii himameera.

Hojjataa dhimmaa nageenyaa kan ta’eef haleellaa sana kan ijaan argee nammii ibsa kennuudhaaf eeyyama akka hin qabne ibse, maqqan isaa akka hin dhahamnee gaafaate tokko Poolisoonii Sadii madaa’uu isaani VOAtti himera.

Gabaasaan Sagalee Amerikaa bakka balaan sun raawatame irraa aarii akka mul’atu gaabaaseraa. Gareen Al Shabaab tarkaanfii kana fudhaachii isaatiif namoottan hedduu ajjeesuu isaa akka ibse gabaasameera.

Waajjirii Umna naga eegdotaa gamtaa Afrikaa AMISOM fi diplomaatonni biyyaa alaa caalaan isaanii naannoo buufata xiyaarichaatti kan argaman yemuu ta’u, gareen Al-Shabaab buufata xiiyaaraa kana irratti bara 2009 yeroo lamaaf, bara 2010 al tokko, akkasumas bara 2014 haleelaa raawwachuudhaan namoottan heduu ajjeesuun isaa ni beekama.

Tamsaasa Guyaadhaa Guyyaa

Tamsaasa Guyaadhaa Guyyaa
please wait

No media source currently available

0:00 0:29:58 0:00
More
XS
SM
MD
LG