Xurree ittiin seenan

Breaking News

Moqadishoo Keessatti Balaan Har’a Dhaqqabe Lubbuu Galaafate


Jimaata har’a magaalaa galma mootummaa Somaaliyaa Moqadishoo keessatti bombiin sadii kokolaataa irraa kan dhohee yoo ta’u dhukaasiis magaalatti raasee jira.

Hidhattoota 4 dabalatee yoo xiqqaate namoonni 23 du’u kanneen ijaan arganii fi aangawoonni eegumsa fayyaa ibsanii jiru.Bombiin adda addummaa daqiiqaa tokkoon wal duraa duuba dhohan kun Hoteela Sahafi fi naannoo isaa irratti qiyyaafate.

Hoteelli kun ollaa waajiira haadhoo qorannaa yakkaa kan humnootii polisii Somaaliyaa tti argama.Hogganaan tajaajiila Ambulaanii nannoo Raadiyoo Sagalee Amerikaaf akka ibsanti kaampaaniin isaa namoota mada’an 45 gara hospitaalaatti geese jira.

Angawoonni nageenyaa kan somaaliyaa kanneen jalqaba lafa balaa Sanaa dhaqqaban akka jedhanti hidhattoota 4tu hoteela seenee gamoo ol aanu irraa achii gad haleellaa banan jedhu.

Tamsaasa Guyaadhaa Guyyaa

Tamsaasa Guyaadhaa Guyyaa
please wait

No media source currently available

0:00 0:29:59 0:00
More
XS
SM
MD
LG