Afrikaa kibbaa keessatii hidhamuu prezidaantii biyyatii duraanii mormuudhaan walqabatee hookora umameenn namooni 72 du’uu isaanii poolosiin biyyatii beekisiseera.
Prezidaantiin biyyatii duraanii Jaaqob zuumaa dhimma malaanmaltummaadhaan walqabateen himannaa irratii dhihaateef qaama qorannoo gochaa jiru biratti dhihaatanii akka yaadaa isaanii kennan ajjajamanii erga ajaja fudhachuu didanii boodaa manii murti olaanaan biyyatii adabbii hidhaa ji’a 15ni itti murteesse.
Erga Torban darbe zuumaan haanga’ootati harkaa kennanii boodaa degertoonii isaanii mormii kaasaniin hokkarii samichaa fi badiinsa irratii hunda’ee kutaa biyatii lama keessatti jalqabame. Poolisiin amma ammatii namootan kumaan lakkawamani hidhuu isaa beekisiseera.
Prezidaantiin biyyatii Cyril Raamaphosaa hokoraa fi saamichaa balaalefatanii namii akka tasgabaa’u gaafataniiru.
Badiinsaa fi hookorrii ammaa kutaa KwaZulu Natal fi Gauteng keessatii argaa jirru Komiinii fi dhimma siyaasaa kamiin iyyuu haqa qabeesaa hin godhu. Heerrii keenyaa namii kamuu mormiidhaaf, walgahidhaaf, yaadaa ofii bilisaan ibsachudhaa fi jarmiyaa bilisaa ta’e qabaachudhaaf wabiidhaa' jedhaniiru prezidaant Raamaphozaan.
Mormiitoonii hikaamuu prezidaantii duraanii Jaaqob Zuumaa gaafachudhaan allatis erga dhibeen Koovid 19 umamee as rakinaa diinagdee biyyaa isaanii keessatti dhalates balaaleffataniiru.
Jarmiyaan maqaa prezidaantii duraanii Jaqob Zuumaatiin dhaabate kan 'Zuma Foundation' jedhamu kaleesaa ibsa baaseen amma qabsaawaan farra sirna appaartayid, Jaaqob zuumaan mana hidhaatii bahanitii nageenyii jiraachuu hindanda’u jedheeraa.