Xurree ittiin seenan

Breaking News

Hiriira Mormii Naayroobii Keessatti Gaggeeffameen Badiin Dhaqqabe Ibsame


Poolisoota hiriira bittinneessuu bahan, Nayrobii Keeniyaa, Bitootessa 27, 2023.
Poolisoota hiriira bittinneessuu bahan, Nayrobii Keeniyaa, Bitootessa 27, 2023.

Namoonni bakka qubsuma Kiberaa jedhamu kan Naayiroobii keessa jiraatan Kibxata kaleessaa jechuun Amajjii 28, mormii mootummaa pirezidaantii Keeniyaa Wiliyaam Ruutoo irratti ka’een miidhaa mana jireenyaa fi manneen daldalaa irratti qaqqabe qoratanii jiru.

Mormii torbee lammaffaa mootummaa fi gatii nyaataa olka’uu irratti gaggeeffamee kanaan, Poolisiin Wiixata dabree Amajjii 27 deeggartoota hoogganaa mormituu Raayilaa Odingaa kanneen. dhagaa darbatan irratti gaazii imimmaansuu fi ujummoon bishaan itti facaasee jira.

Wiixatuuma sana gara galgalaa Kibera keessatti waldaan Kiristaanaa tokkoo fi manneen daldalaa naannoo sana jiran hedduun, namoota hin beekamneen ibiddaan gubamaniiru. masjiidni tokkos miidhaan irra gaheera. Haleellaa Kanaafis Mootummaa fi mormitoonni walii isaanii komataa jiru.

Abbaan qabeenyaa suuqii gommaa Jooseef Maaloobaa akka jedhanitti, manni daldalaa isaanii mancaasuun dhiibbaa maallaqaa guddaa qaba. "Ani gwaluumaa gala maal akkan godhu hin beeku jedhe.

Jirattuun magaalaa Kibera Keziah Awino akka jedhanitti, deeggartoonni Odingaa magaalattii naannoo birootti mormii waan dhageessisaniif, mormii kanaa fi badiisa dhaqqabee gidduutti kallattiin walitti dhufeenyi waan jiru natti hin fakkaatu jedhu.

Abbootiin amantaa amantaa fi garee adda addaa irraa walitti dhufan, waldaa Kristaanaa foddaan isaa caccabee gamoo ibiddaan gubatee alatti walga'aabii jiran.

Daayrektarri olaanaa Amnesty International Keeniyaa Irungu Houghton hokkara Wiixata dabree galgala mudateen namoonni amantii fi gosaa hundii miidhamuu isaanii ibsuun, lammiileen Keeniyaa namoota siyaasaa fi yakkamtoonni dhiibbaa dhaqqabu keessaa akka hin seenne gaafataniiru.

Forum

Tamsaasa Guyaadhaa Guyyaa

Tamsaasa Guyaadhaa Guyyaa
please wait

No media source currently available

0:00 0:29:58 0:00
More
XS
SM
MD
LG