Xurree ittiin seenan

Breaking News

Seerri Mirga Dubartii Kan Ulfa Of Irraa Baasuu Ilaalchisee Darbe Waggaa 49 Booda Mormiin Isa Mudate


Seerri Mirga Dubartii Kan Ulfa Of Irraa Baasuu Ilaalchisee Darbe Waggaa 49 Booda Mormiin Isa Mudate
please wait

No media source currently available

0:00 0:04:31 0:00

Manni murtii ol aanaan Yunaaytid Isteetis dubartiin mirga ulfa of irraa baasuuf qabdu seera mirkaneessu bara 1973 keessa dabarsee jira. Waggoota 49 booda ennaa ulfa of irraa baasuuf kutaalee Yunaayitid Isteetis hedduu keessatti eeyamamee jiru kanatti, murtiin kun amma mormiin irratti dhiyaatee jira.

Dubartiin tokko mirga ulfa of irraa baasuu ishee kan mirkaneesse ajaja mana murtii

Roe v Wade jedhamu waggaa 49ffaa isaa irratti leellistoonni farra ulfa of irraa baasuu Washington keessatti hiriira geggeessanii jiran.

“Namni hin dhalatin tokko mirga lubbuun jiraachuu qaba jttanii yaadduu? Yoo ta’e mee sagalee keessan dhaga’a, jamaanis “Eeyee” jechuun sagalee dhageessise.

White House, yeroo rakkoon seeraa ka biroon mudatee jirutti, dubartoonni ulfa of irraa baasuu yoo barbaadan malli isaa akka fooyya’uuf gaafatee jira. Dubbi himtuun White House Jen Psaki akka jedhanittim“Yeroon kun nuyiif yeroo itti eegumsa fayyaa hormaataa barbaachisaa ta’eef daandiin akka jiraatu cimsinu, mirga heeraa Roe dhaan hundeeffame eeguu fi namni martinuu hegeree isaa tolfachuuf walabummaa inni qabu eeguu dha” jedhan.

Psakiin murtii mana mutii ol aanaa humnaan gudeeddii fi firoota gidduutti illee utuu hin hafin ulfa torbanneen ja’a booda jiru irra hedduu of irraa baasuu kan dhorku murtii mana murtii seera kutaa Teeksaas haaraa gidduu akka hin seenne tuqanii jiran.

Seerri sun lammiin inni kam iyyuu nama ulfa of irraa baasu irratti himannaa seeraa akka dhiyeessu eeyama. Ugguraawwan haaraan kun kan ba’an erga ripaablikaanonni waggoota dheeraaf seerri ulfa of irraa baasuu ilaalchisee jiru laaffataa dha jechuu dhaan himataa turanii booda.

Tamsaasa Guyaadhaa Guyyaa

Tamsaasa Guyaadhaa Guyyaa
please wait

No media source currently available

0:00 0:29:58 0:00
More
XS
SM
MD
LG