Xurree ittiin seenan

Breaking News

Mormitoonnii fi Deggertoonni Prezidaant Hosnii Mubaarak Walitti Bu'an.


Prezidaantiin Masrii Hosnii Mubaarak filannoo dhufu irratti hin hirmaadu jedhanii ifatti kan beeksisan ta'u iyyuu, Mormitonni kaayiroo keessatti hiriiran garuu amma iyyuu prezidaantichi aangoo gadhisuu qabu jedhu.



Waltajjii Taariir jedhamu irratti uummanni gama-lama goree dhagaadhaa fi waan argame mara walitti darbataa oolan. Namonni Fardaa fi Gaalan gulufan illee itti hirmaatanii jiran.

Waraanni biyyattii ibsa baaseen iyyatti hiriirtootaa dhaga'amuu isaa hubachise.Dubbi himaan waraana biyyatti Jeneraal Ismaa’el Etma televiziyoona biyyattii irratti akka ibsantti, fedhii keessan ibsachuuf kan ba'e isinuma, jireenyni Masrii keessaa iddo duritti deebisuu kan danda'uus isinumaa jedhan hiriirtotaan. Biyyatti fi lammiwwan ishee eeguuf nageenya jirus eegsisuuf isin waliin jirra jedhan.

Prezidaant Mubaarak kibxata halkan haasawaa dhagesisaniin, filannoo dhufuutti hin hirmaadhu,baatilee hafan kana keessatti garuu karaa nagaan aangoo dabarsee kennuu haala na dandeesisuu irrattiin hojjadha jedhan.Kanas aangoo Herrii biyyaa naa kennu irratti hirkadhee ta'a jedhu.

Prezidaant Mubaarak aangoo gadhisuu ykn biyya ofii keessaa gadhisanii ba'uu ilaalchisee waan dubbatan hin qaban.Kun immo hiriirtoota mormii dhagesisaa jiran daran mufachise.

Tamsaasa Guyaadhaa Guyyaa

Tamsaasa Guyaadhaa Guyyaa
please wait

No media source currently available

0:00 0:29:58 0:00
More
XS
SM
MD
LG