Xurree ittiin seenan

Breaking News

Moskoo fi Waashingtan Keessatti Mariin Itti Fufee Jira 


Prezidaantii Raashaa Vlaadmiir Putiin gita isaanii kan Fransaayii Imaanu’eel Maakroon, Mooskoo, Raashiyaa, Guraandhala 7, 2022
Prezidaantii Raashaa Vlaadmiir Putiin gita isaanii kan Fransaayii Imaanu’eel Maakroon, Mooskoo, Raashiyaa, Guraandhala 7, 2022

Daangaa Raashaa fi Yukreen irratti sodaan uumamee marii har’a qopha qophaatti Moskoo fi Waashiingtan keessatti gaggeeffamuuf ajandaa duraa ta’uuf jira.

Prezidaantiin Raashaa Vlaadmiir Putiin gita isaanii kan Fransaayii Imaanu’eel Maakroon kan simatan yoo ta’u Prezidaantiin Yunaaytid Isteetes Joo Baaydiin chaansilara Jarmanii Olaaf Shoolz masaraa Waayit Haawusiitti simachuuf jiru.

Waayit Haawuus akka jedhutti Prezidaant Baaydiin fi giti isaanii kan Faransaayii Imaanuu’eel Maakroon Dilbara kaleessaa bilbilaan waa’ee yaalii gama diploomaasii ta’a jiru fi abdii horuu dadhabe irratti mari’atan.

Kunis Raashaan daangaa Yukreen irratti waraana ishee bobbaasuu itti fufuu fi daangaa fi abbaa biyyummaa Yukreeniif deggersa qaban irra deebi’anii mirkaneessuu dabala jedhamee jira.

Prezidaant Maakroon torban dabree akka jedhanti dhimmi iddoo duraa kennaniif Raashaa waliin dubbachuuf muddamsa jiru laaffisuu dha.Prezidaant Putiin waliin eega dubbatanii booda hogganoota Yukreen waliin dubbachuuf jecha Kibxata borii gara Kiyeev tti kan imalan ta’uun beekamee jira.

Chaansilariin Jarmaniis imaltuu wal fakkaataa torban dhufu gaggeessaniin Moskoo fi Kiyeev kan deeman ta’uun ibsamee jira.

Raashaan weerarrii Yukreen irratti gaggeesistu yoom iyyu jalqabamuu akka maluu Amerikaan eega akeekkachiiftee booda mariin marsaa adda addaa kun jalqabamee jedu gorsaan waa’ee nageenya biyooleessaa kan Amerikaa Jeek Suleevan.

Tamsaasa Guyaadhaa Guyyaa

Tamsaasa Guyaadhaa Guyyaa
please wait

No media source currently available

0:00 0:29:58 0:00
More
XS
SM
MD
LG