Xurree ittiin seenan

Breaking News

Mudamnii Siyaasaa Tunuziyaa Itti Fufeera


Ergaa prezidaantiin tuniziyaa Kaa’is Saied Mumicha ministeeraa biyyatii Hichem Mechichi aryyatanii parlamaa biyyatii guyyaa 30f cufaanii, polisoonii hoganaa parlamaa biyyatii akka waajiraa isaanii hin seennee dhokanii boodaa Biyyaa Tuniziyaa keessatii Muddamii siyaasaa cimee itti fufee jira.

Wixata kaleessaa poolisoonii biyyatii mormii miseensonnii parlamaa warrii paartii Ennahdha jedhamu bakka bu’ani tasisan fi deggertoota prezidaantii gidduutti akka waltii bu’iins hin umamne gochaa oolan.

Gareen tarkaanfii prezidaantiichaa deggaeran muurtoon isaanii akka seeraa biyyatti fudhatamee kabajamuu qaba yemmuu jedhan , mormitooni imoo tarkanfiin prezidaant Kaa’is kan heeraa biyyatii cabse waan ta’eef itti fufuu akka hin qabnee ibsanii warren gochichaa raawwatan fi dudda duubaan gargaaran itti gafatamuu qabu jechaa jiru.

Partileen mormitootaa lama immoo tarkanfichii fonqolchaa aangoo akka ta’ee kan ibsan yemmuu ta’u prezidaant Kaa’is gama isaanitin mitii jedhaniiru.

Tarkaanfiin prezidaatt Kaa’is fudhataan ergaa haalii siyaasaa biyyatii torbaaniif raafamaa turee boodaa yemuu ta’u akkaataan mootummaan biyyattii dhimma kooviid 19 qabaa turee jequmsichaaf sababa tokko akka ta’e gabaasameera.

Yunaayitid Isteets fi Awuroopaan Tuniziyaadhaaf ergaa dabarsaniiru

Gamtaan Awuroopaa fi mootummaan Yunaayitid Isteets Tuuniziyaa keessatii demokiraasiin fi tasgabbiin akkaa tiksamuu qabuu gaafataniiru.

Itti gaafatamaan imaammata dhimma alaa gamtaa Awuroopaa Joseef Borrell qibxataa har’aa ibsaa kennaniin akka jedhanti, akka sabaatinsii rakaa bakkaa isaatii deebi’u, keessumaa akka parlamaan biyyaattii deebi’ee dhaabbatuu, gareen hunduu akkaa mirgaa bu’uuraa namoomaa akka kabajuuf hookaraa balaaleffatuu waamicha goonaa jedhaniiru.

Ministeerrii dhimmaa alaa Yunaayitid Isteets Antoonii Bilinken gamaa isaanitiin waa’ee degersaa demokiraasii Tuniziyaa irratti prezidaantii Tuniziyaa wajjin bilbilaan haasa’uu isaanii himanii, prezidaantichii akka yaada dimokiraasii fi mirgaa namoomaa eegan, gareewan siyaasa biyyatii keessati qooda qabanii wajjin akka marii taasisan hubachiisuu isaanii beekisaniiru.

Tamsaasa Guyaadhaa Guyyaa

Tamsaasa Guyaadhaa Guyyaa
please wait

No media source currently available

0:00 0:29:58 0:00
More
XS
SM
MD
LG