Muddama dipilomasii Raashaa fi Yuukireyin gidduutti Umamee laafisuudhaaf bakka bu’oonii Yukireyin , Raashaa, Jarmanii fi faransaay maryachuudhaaf paaris keessatti wal argani jiru. Walgalteen irra gahamee amma ammaatti beekamuu baatus prezidaantin Raashaa fi Faransaay Jimaata Iftaanii wal arganii maryachudhaaf murteessuun isaanii gabasameera.
Prezidaantiin Yukireen Volodimiir Zeleniskii guyyaa kaleessaa ergaa lamilee biyyaa isaaniitiif dabarsaniin, << sammuu keessan soba irraa, onnee keessan immoo sodaa irraa eeggadhaa. >> jedhaniiru.
Haanga’oonni mootummaa Yunaayitid Isteets waa’ee boba’aa ykn gaazii uumamaa isa Rashiyaa iraa gara Awuroopaatti raabsamuu irratii ojjachaa akka jiran yemuu ibsamuu Raashaan gamaa isheetiin wa’ee loltootaa Yunaayitid Isteets 8,500 warreen Awurooppaa bahaatti bobba’uudhaaf qophaahaniiru jedhame irraatti akka xiyyeefachaa jirtu himameera.
Prezidaantiin Yunaayitid Isteets Joo Baayiden ibsaa guyyaa kaleessaa kennan irratti Yunaayitid isteets fi NATOn Awuroopaa lixaa keessati umnaa isaanii akka jabeessaan, Yunaayitid Isteets garuu waraan ishee gara Yukireyinitti akka hin ergine himaniiru.