Xurree ittiin seenan

Breaking News

Mummichi Ministeera Maalii Duraanii Du’an Boqotan 


Mummichi ministeera Maalii duraanii Soumeylou Maiga Wiixata kaleessaa Kliinikii Bamaakoo keessa jiruutti du’u isaanii miseensii maatii ibsanii jiru.

Maalii fi naannoo kutaa Saahiliitti aangawaa dhiibbaa gochuun beekaman Maigaan erga baatii Hagayya bara 2021 kaasee biyya isaanii keessatti hidhamanii jiru.

Sababaa fayyaa dhabaniif jecha hidhaa akka ba’aniif gaaffiin dhiyeessaa turan mootummaan irree waraanaa biraa fudhatama hin arganne.

Miseensa maatii keessaa tokko akka jedhanti, fayyaan Maigaa guyyoota xiqqoo darban keessaa akkaan gad bu’e. odeeffannoon kunis namoota kanneen biroo biraa mirkanii kan qabu yoo ta’u hogganoota sadarkaa kutaa sanaanis akkasuma jedhamaa jira.

Maiigaan siyaasa keessatti aangoo kaabinee kan sadarkaa adda addaa irra kan turan yoo ta’u, yeroo ministeera ittisaa turan shiira hojjatan jedhmuun hidhaman.

Tamsaasa Guyaadhaa Guyyaa

Tamsaasa Guyaadhaa Guyyaa
please wait

No media source currently available

0:00 0:29:58 0:00
More
XS
SM
MD
LG