Xurree ittiin seenan

Breaking News

Haasaan Prezidaant Obaamaa Ijoollee Keenyaaf Abdii Gaarii Dha, Jedhu Imaamni Hawaasa Musliimaa


Obama Muslims
Obama Muslims

Prezidaantiin Yunaayitid Istees, dheengadda ennaa magaalaa Baaltimoore keessatti Masjiida tokko daawwatanitti haasawa waa’ee wal-danda’insa amantii dhageessisan, hawaasni Musliimaa akkamitti fudhate? Kan Teksaas keessa maadheffate “Islaamic Association of North Texas” yokaan Waldaa Hawaasa Islaamaa Teeksaas Kaabaa – jedhamuuf miseensa Boordii ka ta’an Imaam Ahimed Alinuur ibsa Raadiyoo Sagalee Ameerikaaf akka jedhanitti, haasaan Prezidaant Obaamaa amantii yokaan diinii Islaamaa jarreen maqaa Islaamaatiin kaayyoo ofii, ka shororkeessummaa geggeessatan irraa adda-baasee kan ilaale. Dorgomtoota prezidaantummaa tokko tokkoon yaada hamaa dhihaataa ture, kan ijoollee isaanii shakkii keessa galchu dura ka dhaabbatee fi kan abdii kennu ture. “Garuu, itti fufee hojjetamuu qaba. Amantii kamuu keessa namoonni gaariinis namoonni hamoonis ni jiran. Quraanni amantii Islaamaa namni nama tokko ajjeese akka nama hunda ajjeeseetti ilaalama, jedha. Ajjeechaan kaayyoo Islaamaa keessa hin jiru. Namni martinuu mirga amantii isa kaanii kabajee, wal-gargaaruuf, nageenyaaf hojjechuun barbaachisaa dha” jedhu, Imaam Ahmed Alinuur.

Gabaasaa guutuu dhaggeeffadhaa
please wait

No media source currently available

0:00 0:05:09 0:00
Xurree marsariitii

Tamsaasa Guyaadhaa Guyyaa

Tamsaasa Guyaadhaa Guyyaa
please wait

No media source currently available

0:00 0:29:58 0:00
More
XS
SM
MD
LG