Xurree ittiin seenan

Breaking News

Keniyaa Keessatti Musliimonni Kiristaanotaaf Dahoo Ta’uun Al-shabaab Irraa Oolchan


Otoobusii Al-Shabaab Sadaasaa 2014 Keenyaa Kaabaatti hadhan.
Otoobusii Al-Shabaab Sadaasaa 2014 Keenyaa Kaabaatti hadhan.

Keenyaa Kaaba Bahaa naannoo Mandheeraatti kaleessa dhukaasa konkolaataa geejjibaa irratti Alshabaab dhukaase jedhameen lubbuun nama lamaa darbee; namootni shanimmoo madaa’ani. Imaltoonni musliimaa konkolaaticha keessa turan Kiristaanota ajjeefamuuf turan dhoksuun lubbuu isaaniis beekamee

Magaalaan mandeeraatti dhaqqabe reefuu waggaa guuta, ajjeechaa yeroo sanaatiin namootni 28 du’uun kan yaadatamu yoo ta’u, kaleessas haaluma wal fakkaatuun hidhattoonni miseensa Alshabaab ta’uu hin hafne jedhamanii shakkaman namoota gara Nairobi dhufan irratti balaa dhaqqabsiisaniin lubbuun nama lamaa darbee shanimmoo miidhaan qaamaa irratti dhaqqabeera.

Gabaasaa guuutuu dhaggeeffadhaa
please wait

No media source currently available

0:00 0:02:18 0:00
Xurree marsariitii

Gaazexaan Keeniyaa “Daily Nation” jedhamu akka namoota achi keessa turan waabeffatee gabaasetti, hidhattoonni balaa kana geessisan achii as bahuun dhukaasa imaltootatti bananiin miidhaa geessisani. Sana boodas namoota amantaan filuuf yoo warra musliimaa imala sanarra turan foo’uuf jedhan hordoftoonni amantaa Islaamaa achi keessa turan garuu adda ba’uu diduun Kiristaanota konkolaataa sanirra isaanii waliin turan hambisaniiru.

Bulchaa Kutaa Mandeeraa kan ta’an Mr. Abdurraahimaan Roobaas namootni naannoo sanaa warra musliima hin taanerraa adda bahuu diduudhaan itti iyyanii namoota miidhaa geessisuuf dhufan kana balaa cimaa osoo isaan hin geessisin hambisaniiru jedhan. Gargaaraan konkolaatichaa balaa kanaan lubbuun isaa yoo dabartu, konkolaachisaa konkolaatichaa irras balaan xiqqaan dhaqqabuun isaa Gaazexaan Daily Nation gabaaseera.

Itti gaafatamaan dhimma nageenyaa biyya keessaa ka Keeniyaa Mr. Joseph Inkaayiserii namootni kun adda wal foyuu diduun gocha gaarii hojjetan jechuun dubbatan

Hundumti keenya lammilee keeniyaati. Amantiidhaan gargar hin qoodamnu, namni fedhe amantii fedhehordofuu danda’a garuu nuti, lammilee tokko. Nuti obboleeyyani , obboleewwan keenya kan ta’an hawaasni muusliimaa dhaamsa gaariidha nuuf dhaaman” jedhu

Namootni balaan irra gahe kuni kaan isaanii kabaja ayyaanaatiif gara Nairobi kan dhufaa turan yoo tahu, kabaja ayyaana gannaa guyyoota muraasaan booda kabajamu ilaalchisuun eegdonni mootummmaa biyyattii karaa hundaan hordoffiirra jiraachuu isaanii Mr Inkaayiseeriin dubbataniiru.

Bara 2013 as qofaa lammileen keeniyaa 327 ta’an balaa Alshabaab qindeesseen lubbuu isaanii dhabaniiru.

Tamsaasa Guyaadhaa Guyyaa

Tamsaasa Guyaadhaa Guyyaa
please wait

No media source currently available

0:00 0:29:59 0:00
More
XS
SM
MD
LG