Xurree ittiin seenan

Breaking News

Muummee Ministera Lebanon Hassan Dihaabii fi Kaabineen isaalleen yaayyuu hujii irraa bu’an


Lebanon, Beirut, Lebanon's Prime Minister Hassan Diab speaks at the government palace
Lebanon, Beirut, Lebanon's Prime Minister Hassan Diab speaks at the government palace

Ummatii ji’a tpokkoo asitti mootummaa isaatti hiriira bahee rakkoo himachuutti jira.Tanuma keessa Beeruti keessatit fooqileen wal irratti jiddee namii 150 caalaan dhumate.

Ummatii biyya sunii duruu mootummaan sun horii ummataa nyaate balleesse jedhee himachaa bahellee.

Ammallee akkuma Onkololeessa onanaa kaan ammalle kuma hedduu tahee karaatti yaahee rakkoo himate.Warrii Beeruti obsillee haga qaba jechuuttit jira.

Fooqii dhiyoo tana Beeruti keesastti wal irratti raphi jette asiidii ammoniuma nitrate achitti tursanitti gubee jedhan.

Bulchootii sun asiidiin sun fiduu dandeettu dursanii beekuu dhabuu isaaniitiif himata. Warrii hiriiratti jiru kun akka abbootii siyaasaa huji iraa bu’han qofaa mitii akka jara kanaayyuu fafannisan gaafachuutti jira.

Nama 150 balaa suniin dhumate malee manneen kuma 250 tanaan gubate. Niidaa Hakiim funnoo namaan fannisan haxaawwoo lafaan hartutti keeyyatte deemti

“Hawxaawwoo tana durii mana namaatiin hara funnoon tun ta nu fixeeti.Warra dhumate qofa hin findhe nama hafellee yaayyuu fixan.”

Hiriira mormii guddaa dheengadaatiin duubatti poolisiin warra paarlaamaa duuduu fedhe gaazii itti afuuftee dhowarte.

Taatullee dhaabuu hin dandeennee namii dallaa cabsee waajjira minsiera haajaa alaa duudee dallansuu itti bahe Aduun gaara irraan buunaan warrii waryaa poolisii qabu uleen namatti rakkatte.

Warrii hiriira bahe kun mootummaa hin dhugeeffatuu akka dhaabileen addunyaa waan mootummaan biyya tolchee fi dhumatii nama dhiyoo tanaa qoratan gaafatan.

Izar Lahoud nama ganna 21 hariyoota isaa waliin dhufe.Akka abbootiin siyaasaa nama fixan ykn du’aan adaban ykn ammoo biyya baasan fedha.


“Warrii kun abbaa garaati,horuma tuulachuu malee namaa dhiiddoo hin qaban.Namii dhumachuutti jiraa jarii horuutti jiraa, haajaayyuu irraa hin qabu jedha.

Addunyaan Lebanon balaa guddaa kana keessa seentee horii miliyoona hedduu guuruutti jirti

Lafa namii gumboo baratee waan diqqoolle hin sifeeffannee jedhan tanatti horiin kun dhadhuma ibidda bu’e taha jedhaniillee hinuma sodaatan

Tamsaasa Guyaadhaa Guyyaa

Tamsaasa Guyaadhaa Guyyaa
please wait

No media source currently available

0:00 0:29:58 0:00
More
XS
SM
MD
LG