Xurree ittiin seenan

Breaking News

Muummee Ministeraa:Waan Oromiyaa fi naannoleetti ummata garaa haammeesse mootummaatti itti gaafatama


Muummee Ministera Itoophiyaa,Hayilee Maariyam Dessaalenyi (Kuusaa suuraalee) Amajjii , 30, 2016.
Muummee Ministera Itoophiyaa,Hayilee Maariyam Dessaalenyi (Kuusaa suuraalee) Amajjii , 30, 2016.

Akka muummeen minsiteraa,Itoophiyaa, Hayilee Maariyam Dessaalenyi jedhutti rakkoo tanaaf nama ykn dhaabbilee dhibiillee balleessaa himatilleen hin jiru.

Waan ummatii gaafatu ariitiin deebii itti kennnuu dhabuun ummataan garaa walti hammeesse jedhe mmuummeen ministeraa kun yoo hardha paarlaamaa Itoophiyaa irratti dubbate.

“Akkuma dheengaddaallee jedhamee mana marii ulfinna qabu kanatti waan jiraa himee, hardhallee gabaasa keessatti dabaluuf yaalee ammallee irra dedeebinee jennaa rakkoon tun rakkoo teenna akka taate hubannee yaahuu malle.”

Oromiyaallee dabalee wantii naannolee tokko tokko keessatti walti buhiinsa uume quufa waan namii itti hin gammadinitti jiraa jedha.

“Hammeenna nu keessa jiru ka ariifatee waan ummatii gaafatee deebii hin kennineef kama waluma faana dhufuuf ummataan garaa walti hammaaachaa dhufne.Garaa hammeennii kun naannoo tokko tokkotti walti buhiinsa uume.”

Wannii ummatii garaa itti haammaate akka jecha muummee minsiteraa kanaati bulchiinsa dansaa dhabuu.Tun ammoo woma naannollee Itoophiyaa cufa keessa jiraati.

“Oromiyaa keessa walti buhiinsatti jiraa jechuun naannoo dhibii keessa hin jiruu jechuu miti.Tigraayii jalqabee haga daarii kibbaallee rakkoon tun hinuma jirti. Gama tokkotti walti buhiinsii jiraatee gama dhibiin jiraachuu baatullee,gara walti buhiinsii hin jirreetti rakkoo tenna falannee ariitiin ummataan walti araaamuu. Gara walti buhiinsii jirutti ammoo walti buhiinsa qabbaneessinee ummataan walti araaramuu.Waan Oromiyaa irratti walti buhiinsii jiraatee akka addaatti laalamuu hin malle. Naannuma cufa keessatti bulchiinsa dansaa dhabuutti jira.”

Muummeen Ministeraa garaa hammmeenna ummataa keesatti dhalatee fi hiriira itti aanee dhufe irraa waan baratanitti jira.

“Asii achi qonnaan bulaa keennaa fi namii magaalaa waan dammaqeef gurmuu isaatti maxxananii taahuun hin dandahamu. Waan qajeeluu malee ariifatanii qajeelachanii rakkoon tun teennuma jedhanii fudhachuu.Yoo tana tolchinu ammoo warrii tana hin jaalanne akka jarii raphe jedhu mirkana. Warrii tana jala wal tolfachuu fedhu duriillee rakkoo teenna irraa sooratee furfuura.Tanaafuu naannolee tahee paartilee keessa bulchiinsa hamaa bubuqqisuu.Fala dhibii barbaaduun ammoo karaa badiitti nama geessa.”

Fakkeenna bulchiinsa dansaa dhabiitii fkn gaafi eennummaa ummata Qimnaati naannoo Amaara jiru maqaa dhahe.

“Waan ummatii Qimaanti eennummaa ufii gaafateef namii hagii tokko gaafii tana beekaa wallaalchisee waan silaa ariifatani deebisuu malan duubatti harkise.”

Muummeen ministeraa kun walti buhiinsa fi rakkoolee naannoo Oromiyaa fi naannoo akka akkaa keessatti dhalatteef paartilee biyya keessaa fi biyya alaa jiranitti balleessaa mure.Amma ammoo warra sun irraayyuu hin baane.

Akka jecha muummee ministera kanaatti paartii IHADEG duriillee rakkoo akkanaa keessuma bahaa asi geette rakkoon isiin ganna 15 duratti keessa dabarte tanaayyuu hin caalti jedha. Tanallee keessumaa baanaa jedha.

please wait

No media source currently available

0:00 0:04:22 0:00
Xurree marsariitii

Tamsaasa Guyaadhaa Guyyaa

Tamsaasa Guyaadhaa Guyyaa
please wait

No media source currently available

0:00 0:29:58 0:00
More
XS
SM
MD
LG