Xurree ittiin seenan

Breaking News

Muummeen Ministera Itoophiyaa, Dr.,Abiy Ahmed Lammiilee Biyya Alaa Jiraniin Wal Mari'achuuf Dhuma Ji'a Kanaa Irratti Amerikaa Dhufa


Muummee Ministera Itoophiyaa dhuma ji'a kanaa Amerikaa dhufee lammii Itoophiyaa biyya alaa jiraniin wal mari'ata
please wait

No media source currently available

0:00 0:08:19 0:00

Torbaan dabre keessa embaasi Amerikaa Waashingtiton DC jiru waan dhufaatii muummee ministeraa irratti gaazexeessitotaaf ibsa kenne.

Embaasiin Itoophiyaa hawaasa fi dhaabbilee biyya alaa jiran ka marii muummee ministeraa kanati dhufuu fedhan akka isaan bakka bu’aa ergatan itti dhaamuutti jira.

Marii torbaan dabre embaasiin Amerikaatti tahee ibsa irratti kenna warra ofumaan dhaqe keessaa tokko aaddee Birhaanee Galatooti.

"Jijjiirama Itoophiyaatti tahe irratti aarsaa guddaa kan fudhate ummata Oromooti sanuu Qeerroodha.”

Embaasiin kun waan dhufaatii irratti ummata mari’achiisuuf ummata yaame.

Warra ibsa kenne keessaa tokko ambaasaadder Birtukaan Ayyaanaati. Ministera haajaa alaa Itoophiyaa keessaa dhufte.

Dr., Abiy Adoolessa 28 hawaasa Itoophiyaa DC jiru waliin mari’ata,Adoolessa 29 Los Anjeles deema. Adoolessa 30 ammoo akka jecha aaddee Birhaaneetti pirezidaanti Lammaa Magarsaa waliin Minisoota(MN) dhaqa.Minisoota dhaqiitii pirezidaanti Abiy tana ammoo aaddee Birhaaneen akka ijnifannoo guddootti ilaalti.

Muummee Ministeraa dhufaatii Amerikaa dhufu akka aaddee Birhaaneen jettetti pirezidaanti Lammaallee walii dhufa

Embaasiin Amerikaa umamta biyya alaa qabsoo isaatiif galateeffachuu fi jijjiirama fiixa qabeessaa tolchuuf walin hojjachuuf jedha.

"Jijjiiramii kun wareegama Oromootiin dhufe moggaaatti ufi baafnee ilaaluu mannaa wareegama itti kaffalamne kanaaf qooda keessa qamna.Waan kana balaaleffachuu mannaa jabeessuu wayya.”

Aaddee Brihgaaneen “jijjiirama barbaannu bira gahuuf carraa argametti fayyadamnee dirqamaa fi qooda keessaa qabaacuu qamna,” jetti.

Tamsaasa Guyaadhaa Guyyaa

Tamsaasa Guyaadhaa Guyyaa
please wait

No media source currently available

0:00 0:29:59 0:00
More
XS
SM
MD
LG