Xurree ittiin seenan

Breaking News

Muummeen Ministera Itoophiyaan Masriin falamtullee Itoophiyaan hidhaa Abbayaa 'hinuma fixxi' jedhee mirkansee parlaamaatti hime


Ethiopia Prime Minister Abiy Ahmed
Ethiopia Prime Minister Abiy Ahmed

Marii MM Abiy Ahmed Parlaamaa Itoophiyaa waliin mari'ate
please wait

No media source currently available

0:00 0:02:16 0:00

Dr., Abiy Ahmed hardha waan akka akkaa irratti parlaamaa biyya isaatiin wal mari'ate.

Hujii hidhaa Abbayaa irratti Masriin yaadaan wal dhaquutti hin jirtu wal dhabaaf jennee waraana hin hiriirsinuu taatullee akkuma Tezezee,Gibee Sadeessoo findhe Abbaayaallee findha jedhe.

Dr Abiyyii fi pirezidaantiin Masrii hujii hidhaa abbayaa irratti kora Afrikaa fi Raashiyaa irratti wal arguuf kurfoo jiran.

Akka muummeen ministeraa jedhetti hujii hidhaa abbayaatiin Itoophiyaan Masrii fi Suudanillee hin miitu.

“Gaafa hidhaa laga Tekezee hojjannu guddoo iyyan,gaafa Gibee sadeessoollee akkasuma,Olloota keenna qofaa mitii UNESCO faallee akkanuma iyyaan. Ammallee sunumatti jira.Adoo hujii tanallee akkuma Gibee findhee findhee akkana hin tahan.Parlaamaan itti herreguu male.”

Waan muummee ministeraa kora palaamaa irratti deebii itti kennee keessaa ta dhibiin waan warra media ufii qabaatu ka biyya keessa jirtuuti.

Akka jecha isaatti Miidiyaan hagii tokko nagada birrii,gosaa fi amantitti jira. Tana taanaan mootummaan jara kana hin adaba.

Abbaan taayitaa tamsaa biyyoolessaa adoo hujii miidiyaa hin rakkisnee seeraan ammoo hojjachiisuu male jedha.

“Isaniin lammii biyya alaa miidiyaa keessan qabdan,isaniin paaspoortii Itoophyaa hin qamne miidiyaa keessan qabdan gaafa bal’inna asi tapachaa gaafa dhiphuu ammoo biyya teessanitti nurraa galtan.hujii miidiyaa ballisuuf obsuutti jirra,”jedhe.

Tana maleellee yoo ammoo nagaan Itoophiyaa rakkoo keessa seene “afaan amaaraa, afaan Oromoo dubbadhu tarkaanfii fudhannu malee akka hin teenne qalbiin hubadhaa.Nu lafa dhibii hin qamnu qamnu.Yoo karaa nagaatiin hojjattan ..eeyee tahuu baannaan nagaduuf hojjannaan ammoo nagaa fi demokiraasii teenna rakkoo keessatti hin dhiifnu.”

Taatullee muummee ministeaa media warra paaspoortii biyya alaa qabu itti gaafataman hojjatu jedhe kana diidessee maqaan hin yaamne. Namii ammoo yaada mataa ufi jechuuit jira.

Tamsaasa Guyaadhaa Guyyaa

Tamsaasa Guyaadhaa Guyyaa
please wait

No media source currently available

0:00 0:29:58 0:00
More
XS
SM
MD
LG