Xurree ittiin seenan

Breaking News

Muummeen Ministera Itoophiyaa imlatuuf Awurooppaa jira hardha kora bulchootii addunyaa Davositti taahuutti jiran keeessa oole


Muummeen Ministera Itoophiyaa fi Fooremii Dinagdee Addunyaa
Muummeen Ministera Itoophiyaa fi Fooremii Dinagdee Addunyaa

Hardha kora Dingagdee Addunyaa, World Economic Forum, Davos Siwizerlanditti itti jiran keessa oole,kalee fi guyyaa dheengaddaa ammoo bulchoota Awurooppaa fi ta Tokkummaa Mootummootaa ta akka akkaatiin wal mari’ate. Dr.Abiy imaltuu Awurooppaatti jira.

World Economic Forum, kora blchootii adduynyaa gannuma gannaan itti wal dhufanii mala jireenna addunyaa dhahuuf wal mari'atan.

Dr.Abyi hardhallee bulchoota dhaabbilee addunhyaa akka akkaatiin wal mari’ate. Akkuma kanaan bulchoota dhaaba Tokkummaa Mootummootaa keessaa; daarektera Sagatnaaa Nyaata Addunyaa,Tokkummaa Mootummootaaatti daarektea Qonnaa fi Nyaata Addunyaa,daarketera Gargaarsa Misooma Qonnaa Addunyaatii fi bulchoota hedduun wal haasahe.

Itti gaafatamaa dhaaba gargaarsa addunyaa Open Society Foundation, Joorji Sooroon walilleen ya maria’ate.

Open Society Foundation dhaaba namichii lammii Amerika- Hangaarii Joorji Sooros yayyabee dhaaba ummata addunyaa waan akka akkaatiin gargaaruun beekan.

Dr., Abiyyii fi Joorji Sooroos filannoo, mala jireennaa wayyaa qabu,demokiraasii, seeraa fi waan akka akkaa irratti wal mar’atan.

Joorjo Sooroo jijjiirama Itoophiyaa itti jirtullee akka gabaasa media Itoophiyaatti ya itti gammade.

Walumuattuu yoo deebisan akka oduu waajjirii muummee ministeraatti Dr. Abiy imaltuu tanaan jijjiirama Itoophiyaan itti jirtuu fi karoora isii irratti nama hedduun wal mari’ate.

Tamsaasa Guyaadhaa Guyyaa

Tamsaasa Guyaadhaa Guyyaa
please wait

No media source currently available

0:00 0:29:58 0:00
More
XS
SM
MD
LG