Maddeen oduu Awurooppaa akka gabaasanitti Muummichi-ministaraa Melles, Beeljiyeem - magaalaa Brassils keessa ka jiru - Hospitaala Seyint Luuk keessatti wal’aanamaa jiru. Hospitaalichi garuu, yoo Obbo Melles achi ciisanii jiru ta’e kaleessa gaafatamee, deebii kennuu irraa of qusate.
Aangawoonni Mootummaa fi hoogganaan Paartii Mootummaa ka duraanii tokko -- Raadiyoo Sagalee Ameerikaaf, gaaffii fi deebii kennaniin Obbo Melles dhukkubsachuu mirkaneessanii jiran. Garuu, Muummichi-ministaraa umuriin 57-baa kun haala hamaatti dhuukkubsatan - ka jedhame ni haalan. Dhukkubni Obbo Melles maal akka tahes adda-baasanii hin dubbanne.
Embaasii Itiyoophiyaa, Keeniyaa jiru irraa aangawaan Shaawul Fissehaa, jedhaman deebii kennaniin, “Dhkukkubni Obbo MELLES xiqqoo dha. Dadhabbii dha, bututa. Yeroo dhihootti deebi’u” jedhanii turan.
Hiriyaa Obbo Melles ka turanii fi Dura Hoogganaa Paartii Mootummaa ka turan Obbo Sibhaat Naggaa VOA-kutaa Gaanfa Afrikaaf gaaffii fi deebii kennaniin, “Muummichi-ministaraa Melles Awurooppaa keessatti wal’aanamaa jira. Itti-dhiheenyaan hordofaa hin jiru. Garuu, habalakaan hodofaan jira. Haalli fayyaa isaa hariitiidhaan ka wayyaawaa jiru tahuu fi yeroo dhihootti kan hojii isaatti deebi’u ta’uun beeka,” jedhan.
Gabaasaa guutuu MP3 tuquun dhaggeeffadhaa