Hariiroo Eertraa fi Itiyoophiyaa haaressa daawwannaa jedhu geggeessuuf muummichi ministeeraa Itiyoophiyaa Abiyi Ahimad Eertraa Seenanii jiru.
Ennaa isaan Asmaraa seeran prezidaanti Isaayyaas Afewarqii dabalatee hoogganoonni biyyattii sadarkaa ol aanaa fi jiraattonni magaalattii simannaa ho'aa godhaniiruuf. Biyyoonni lamaan walitti bu'iiinsa daangaa irraan kan ka'e kurna lama waan dta'uuf hariiroon isaanii addaan citee jira. Walii galtee Aljers guutummaan hojii irra akka oolchu koreen hoji raawwachiiftuu IHADEG dhiyeenya murteessuun hariiroo biyyoota lamaaniitti abdii horee jira.
Mariin hariiroo biyyoota lamaanii haaressuf daandii saaqu illee geggeessamuu ministriin dhimma alaa beeksisee ture. Muummichi ministeeraa Abiy ennaa turtii isaanii prezidaanti Isaayyaas Afewerqii waliin mari'ahuuf jiru. JIlli muummicha inistraa Eertraan hoogganame dhiyeenya Gara Finfinneetti ergamjun isaa ni yaadatama.