Xurree ittiin seenan

Breaking News

Muummichi Ministeeraa Paakistaan Duraanii Malaammaltummaan Himataman


Manni murtii farra malaammaltummaa Paakistan muummicha ministeeraa duraanii Nawaz Shariif hidhaa waggoota 10n adabuu dhaan isaanii fi ijoolleen isaanii attamiin biyyoota alaa keessaa qabeenyaa qaqqaalii ta’e qabaachuu akka danda’an ibsuu dhabuu isaaniin immoo doolaara miliyoona 10.5n adabee jira.

Manni murtichaa intala isaanii Maryam Nawaz-nis hidhaa waggaa torbaan adabee jira. Qabeenyaa maatii intalli isaanii of harkaa qabaniif illee doolaara miliyoona 2.5 akka baasan adabee jira manni murtii kun.

Abbaan alangaa Sardar Muzaffar Abbasi tuuta oduuf ibsa kennaniin qabeenyaan jiru martinuu mootummaa Paakistaaniin akka to’aamu ajajee jira jedhan. qabeenyaan gaaffii kaasise London bakka jireenyaaf qaalii ta’e keessatti argama. Shariif fi intalli isaanii yeroo ammaa magaalaa galma mootummaa Britain bakka haati warraan isaanii wal’aansa dhibee Kaansarii fudhataa jiranitti argamu.

Tamsaasa Guyaadhaa Guyyaa

Tamsaasa Guyaadhaa Guyyaa
please wait

No media source currently available

0:00 0:29:58 0:00
More
XS
SM
MD
LG