Muummichii minsteeraa Biriiteen, marii Kamisa kaleessa Prezidaantii Yunaayitid Isteets Doonaald Traamp wajjin taasisan hordofuudhaan ibsa kennaniin, kaayyoon imala isaanii haala waligaltee nageenyaa jabaadhaa fi madaalawaa ta’e irra geessisu irratti maryachuudhaaf akka ta’e ibsanii, haala Raashaan Yuukireeniin lammafaa hin weeraramnen Yuukireen akka jabina argatu goochuu kan ilaallate akka ta’e dubbataniiru.
“ seenaan akka cina wareen weerarra umanii ittu hin taanee ,cina wareen nageenya umanii dhabbachuu danda’u irratti “ walii galuu isaanii kan ibsan muummichi ministeeraa Biriiteen, biyyii isaanii biyyoottan michuu ta’anii wajjin waraana nagaa kabachiisuu Yuukireen keessatti bobbasuudhaaf akka fedhii qabdu ibsaniiru.
Marii isaanii kessatti waa’ee Taarifaa ykn dilaala bulchiins Doonaald Traamp biyoottan Awuroopaa irra ka’’e irratti akka xiyeeffatan kan ibsan muummichi ministiraa Biriiteen Mootiin Charles Traamp akka Biriteeniin daawatan Affeeruu isaaniis beeksisaniiru.
Doonaald Traamp gama isaaniitiin ibsa kennaniin, waraana biyya alaa naga eegisisuuf yuukireen keessatti bobba’u dabalatee amma gareewwan biro wajjin waligaltee irra gahamutti yaada kennuu irra akka of qusatan dubbataniiru.
Traamp marii Yunaayitid Isteets ittu Yukireeniin hin hirmaachisin Raashaa wajiin taasiftee irratti qeeqaa dhihaachaa jiru akka hin fudhanne himanii, mariin Mooskoo wajjin taasifamaa jiru akka gaariitti adeemaa jiraachuu isaa eeraniiru.
Traamp Prezidaantii Yuukireen Volodemiir Zeleniskii “ Abbaa hiree” jedhanii qeequu isaaniitiif yoo dhiifama gaafachuuf jiran oduu gabbastotaan gaafatamanii , waa’ee dhiifama gafannaa ittu hin tuqin “ Kabaja gudaan isaaf qabaa” jedhanii bira darbaniiru.
Zeleniskiin Jimaata har’aa masaraa waayiti Haawusitti Doonaald Traampii wajjin wal arguuf jiru.
Forum