Hongee naannoo Somaalee mudate ittisuuf mootummaan isaanii konkolaattota bishaan deddeebgisan, nyaata, dawaa fi dhiyeessii nyaata beeladaalee kan dabalu ta’uu muummichi ministeeraa Abiy Ahimed beeksisaniiru.
Muummichi miisteerichaa ibsa kana kan kennan ennaa naannolee hongeen miidhe har’a daawwatanitti ture. Dhabamuu beeladaalee hanqisuuf illee waadaa seenanii jiran.
Prezidaantiin naannichaa Musxafaa Mehaammed muummicha ministeeraaf akka himanitti, beeladaaleen gara naannolee biraatti ergaman haala qilleensaa haaraa itti ta’u waliin wal baruu hin danda’an jedhan jechuun Addis Chekkol gabaaseera.