Xurree ittiin seenan

Breaking News

Naannolee Filannoon Keessatti Utuu Hin Geggeeffamin Hafe Fulbaana Keessa Itti Fufa: Boordii Filannoo


Boordii filannoo Itiyoopiyaa
Boordii filannoo Itiyoopiyaa

Boordiin filannoo Itiyoopiyaa Waxabajjii 14 bakka filannoonitti hin geggeessamne naannolee biyyattii Somalee, gama kibbaa fi naannolee Hararii Keessatti Fulbaana 20 filannoon akka geggeessamu murteessuu isaa beeksise.

Itiyoopiyaa kibba gama dhiyaa keessattis sagaleen hiree murteeffannaa uummataas guyyuma kana geggeessama jedhameera. Boordichi kana dura naannoo Hararii waliin hanga dhaddacha ol iyyoannootti kan wal himate wiirtulee filannoo addaa kan Harariif qophee jiru ilaalchisee filannoowwan kana duraa irratti ta’aa akkuma ture, wiirtulee filannoo warreen Hararii qofti kan itti galmaa’anii fi sagalee itt kennan naannoo Hararii fi Harariin alatti kan qopheessu ta’uu beeksisee jira.

Boordichi dursee Qaammee irratti filannoo geggeessuuf ture hanqina yeroon kan ka’e paartilee siyaasaa waliin mari’achuu dhaan gara Fulbaana 20tti akka darbu ta’eera jechuu dhaan daayirikterri kominikeeshinii boordichaa Sooliyaanaa Shimellis VOAf ibsaniiru.

Filannoon bakka itti hin geggeessamne jechuunis, lixa Oromiyaa, Beenishangul Gumuz, naannoo Amaaraa hanga tokko keessatti haala filannoon itti geggeessamuu danda’u boordiin filannoo gara fuula duraatti ibsuuf kan jiru ta’uu Sooliyaanaa Shimellis ibsanii jiran. Filannoon akka geggeessamuuf naannoleen murtaa’eef, haala nageenya walii gala naannolee sanaa waliin ragaan wal simu walitti qabamee, boordichaan gamaaggamamee filannoof haalli mijataan jira jedhamuun adda kan baafaman ta’uu ibsi boordichaa beeksiseera jechuun Addis Chekol gabaaseera.

Tamsaasa Guyaadhaa Guyyaa

Tamsaasa Guyaadhaa Guyyaa
please wait

No media source currently available

0:00 0:29:58 0:00
More
XS
SM
MD
LG