Xurree ittiin seenan

Breaking News

Naannoo Amaaraa Aanaa Dagaa Daamoot Keessatti Namoonni Nagaan 30 Caalan Hidhattootaan Ajjeefamuun Himame


FAAYILII - Magaala Maraawii, Naannoo Amaaraa.
FAAYILII - Magaala Maraawii, Naannoo Amaaraa.

Kunis Bulchiinsa naannoo Amaaraa godiina Gojjaam Dhiiyaa magaalaa Faras Beet jedhamtu keessatti haaleellaa Sadaasa 27 bara 2017 hidhattoota Faannootu rawwateJedhameen namoonni nagaan 37 ajjeefamuu mootummaan naannoo ibsee jira. Gama kaaniin maatii namoota du’anii fi jiraattoonni sagaleen Amerikaa haasoofsisee akka jedhanti, bulchaa aanaa dabalatee hogganoonni aanaa 34 kan naanoo sanatti socho’aa jedhan hidhattoota Faannoon ajjeefamuu ibsanii jiru.

Fulbaana 29 bara 2017 akka tasaa raayyaan Ittisa biyyaa magaalatti gadhiisee gaafa ba’u Hidhattonni Faannoo battalumatti magaalatti qabatan. Kamiisa dabree Sadaasa 26 bara 2017 raayyaan ittisaa deebisee magaalatti to’achuutti yeroo dhiyaatu, Hidhattonni Faannoo hoggantoota ajjeesan jedhu.

Baatilee dabran lamaaf to’annaa Faannoo jala turanaii jimaata dabree gadhiifamuu kan ibsanii fi ajjeechaan kun yeroo rawwatameetti achuuman ture kan jedhanii fi nageenya isaaniif jecha maqaan isaanii akka hin ibsamnee namnii gaafatan akka jedhanti, ofii koo dabalatee hoggannanni siyaasaa, hogganni polisii, qaamooleen polisii fi milishoonni akkasumas namoonni dhunfaa 115 hidhamuu ibsan.

Faannoo qoratee adda baasaa eega turanii booda, 31 ajjeesuun warra hafan barsiisee gadhiiseera jedhu. Dhimma kana ilaalchisee hoggana Faannoo naannoo sana socho’uu jedhaman biraa deeii argachuuf yaaliin ta’e hin milkoofne.

Haaleellaa Diroonii naannoo sanatti dhaqqabe jedhame ilaalchisee aangawoota Feedeeraalaa fi naannoo deebii argachuuf yaaliin ta’ees hin milkoofne.

Forum

Tamsaasa Guyaadhaa Guyyaa

Tamsaasa Guyaadhaa Guyyaa
please wait

No media source currently available

0:00 0:29:58 0:00
More
XS
SM
MD
LG