Xurree ittiin seenan

Breaking News

Bulchiinsa Naannoo Amaaraa, Affaarii fi Tigraay Hanga Tokko Keessatti Tajaajiilli Eletrikii Cituun Gabaafame


FAAYILII- Ganda Maqaleetti tokko keessatti maasaa fi meeshaa elektriikii mullatu, naannoo Tigraay, Onkoloolessa 25, 2013.
FAAYILII- Ganda Maqaleetti tokko keessatti maasaa fi meeshaa elektriikii mullatu, naannoo Tigraay, Onkoloolessa 25, 2013.

Sarara Eleektrikaa jiran irratti haleellaatu dhaqqabeen, tajaajillii eleektrikaa addaan cituu waajirri huumna Eleektrikaa kan Itiyoophiyaa beeksisee jira.

Magaaloonni Dasee fi Kombolcha kan keessatti argaman naannoo Amaaraa gama bahaa, Dilbata dabree kaasee tajaajiilli ibsaa kan cite yoo ta’u, Baahir Daarii fi Gondariin dabalatee gamnii dhiyaa bulchiinsa Amaaraa Kibxata kaleessaa jalqabee ibsaan akka hin jirree, daayreekteerrii komunikeeshinii tajaajila humna eleektrikaa Obbo Mogoos Makonnan sagalee Amerikaaf ibsanii jiru.

Bulchiinsa Naannoo Amaaraa bakka adda addaa irraa jiraattonni sagalee Amerikaaf yaada isaanii kennan akka jedhanti, tajaajiilli Eleektrikaa addaan cituu mirkaneessanii jiru.

Komishiniin polisii kan bulchiinsa naannoo Amaaraa Kibxata kaleessaa ibsa baaseen tajaajilli Eleekitrikaa addaan cituu kanaaf, finxaaleeyyii fi saamtoota kan ittiin jedhe, hidhattoota Faannootu itti gaafatama jedheera.

Bu’uraalee misoomaa eeguun miidhaa uummata irra ga’u irraa akka of qusataniif hidhattoota walitti bu’iinsa keessa jiraniif waamicha kan dhiyeessee waajitti humna eleektrikaa kan Itiyoophiyaa, tajaajiila addaan cite iddootti deebisuuf sochiin gaggeeffamaa kka jiru ibsuu isaa Masfiin Arraagee Gabaasee jira.

Magaalaa Maqalee fi naannoo isheetti kaleessa galgala sa’atii 3 irraa jalqabee tajiilli kun deebi’uu isaa sagaleen Amerikaa oduu gabaasaa iddoo sana jiru irraa mirkaneessee jira.

Forum

Tamsaasa Guyaadhaa Guyyaa

Tamsaasa Guyaadhaa Guyyaa
please wait

No media source currently available

0:00 0:29:58 0:00
More
XS
SM
MD
LG