Bulchiinsa naannoo Amaaraa godinaalee walitti bu’iinsaan gaaga’aman 8 keessatti, hojiin deebisanii ijaaruu gaggeeffamaa kan jiru ta’u itti aanaa prezidaantiin naannichaa Siyyuum Mokonnan ibsanii jiru.
Yeroo walitti bu’iinsa sanaatti Mancaatiin caasaa fi qabeenyaa dhaqqabe Qarshii Biliyoona 200 fi Biliyoona 88 dhaqqabuu ibsanii, kanas humnootii Adda Bilisummaa Tigraay (ABUT) tu dhaqabsisee jedhan.
Qorannaa garee Yunivarsitii fi kanneen biroon gaggeeffamee ifa ta’e sana booda ibsa kana kennan.