Xurree ittiin seenan

Breaking News

Naannoo Amaaraa Keessatti Siiviloota Ajjeese Himannaa Jedhu TPLF Haale


Humnoonni ripxe loltoota naannoo Tgiraay guyyoota lama keessatti naannoo Amaaraatii siivilota ajjeesan himannaa jedhu haalanii jiran.

Rooyitersi angawoonni naannoo Fulbana 1 fi 2 siivilonni 120 ajjeefaman jechuu isaanii Roobii kaleessaa gabaasee jira. Angawoonni naannoo Rooyitersif akka himanitti ganda Dabaat irraa fageenya km 10 irratti reeffa namootaa arguu isaanii beekisanii jiran.

TPLF roobii kaleessaa ibsa baaseen himannaa uumamee afarfame ittiin jedhe haalee jira.

Fixiinsa raawwatame maraaf dhuunfaan qorannaan akka geggeessamu waamicha dabarsine irra deebina, himannaa kamiifuu naannoo to’annaa keenya jala jiru keessatti miidiyaan akka seenuuf haala ni mijeessina jechuu dhaan dubbi himaan TPLEF Geetaachoo Reddaa dubbataniiru.

Tamsaasa Guyaadhaa Guyyaa

Tamsaasa Guyaadhaa Guyyaa
please wait

No media source currently available

0:00 0:29:58 0:00
More
XS
SM
MD
LG