Xurree ittiin seenan

Breaking News

Bulchiinsa Naannoo Amaaraa Keessatti Warri Hidhame Seera Duratti Hin Dhiyeeffamiin Jiru: Komee Maatii 


FAAYILII - Magaala Finoote Selaam, naannoo Amaaraa

Finfinnee Keessatti Gaazexeessoonni fi ogeessonni midiyaa hidhaa keessa jiran 3 wabiin akka ba’an manni murtii kan murteessee suun maal irra akka ga’e baruuf eegamaa yeroo jiru kanatti, bulchiinsa naannoo Amaaraa keessatti immo kanneen biroo hedduun yeroo duraaf mana murtii duratti dhiyaachuuf eegaa jiru.

Akka seera Itiyoophiyatti shakkamtonni qabamanii sa’atii 48 keessatti seera duratti dhiyaachuu qabu kan jedhu yoo ta’u , kunis komeen mallatteeffame irratti hin dhiyaanne yoo ta’e qofa jedha.

Bulchiinsa naannoo Amaaraa keessatti mootummaan tarkaanfii seera kabajsisuun fudhataa jira jechuun namoota kan hidhe yoo ta’u maatiin namoota hidhammanii RSA akka ibsanti, seera duratti ituu hin dhiyaatiin torban sadii caalaaf kan hidhaman jiru jechuu isaanii Asteer Misgaanaaw Baahir Daar irraa gabaastee jirti.

Yaadawwan Ilaali (1)

XS
SM
MD
LG