Qulqullina hojii abbaa seerummaa eeguu fi qondaaltonni abbaa seerummaa dirqama isaanii yeroo gaggeessan miidhamuu irraa akka ittifaman gochuuf, bilisummaan abbaa seerummaa akka hundeeffamuuf, Waldaan Abbootii Seeraa bulchiinsa naannoo Amaaraa gaafateera.
Waldichi qaamolee hojii raawwachiiftuu bulchiinsa naannoolee miidhaa abbootii murtii irratti raawwatan himate.
Dura taa’aan waldichaa Abebaw Tadesse Raadiyoo Sagalee Ameriikaa(RSF)f akka himanitti, abbootiin murtii 103 ol ta’an godinaalee adda addaa keessatti miidhaaN qondaaltota naannootiin waan isaan mudateef aangoo gadhiisanii Jiru.
Abbootiin murtii miidhaa qondaaltota naannootiin raawwatame jedhan ilaalchisee seenaa adda addaa dubbatu jechuun Asteer Misgaanaaw Baahir Daar irraa gabaasteee jirti.
Forum