Xurree ittiin seenan

Breaking News

Naannoo Amaaraa Keessatti Namoonni Jumlaan Hidhamuun Akka Dhaabatu Amnestii Internaashinaal Gaafate


Amnestii Internaashinaal, waraanni Ityoophiyaa naannoo Amaaraa keeessatti Jumlaa dhaan hidhaa gaggeessaa jira jechuun himatee jira. Bahaa fi Kibba Afrikaatti Daarektarri Naannoo Tigeeree Chagutaa, miseensota hawaasa barnootaa dabalatee, magaalota gurguddoo guutuu naannoo Amaaraa keessaa Fulbaana 28 bara 2024 irraa eegalee namoonni dhibbaan laka’aman to’annoo jala oolaniiru jechuu dhaan himatan.

Duulli waraanni fi poolisii Itoophiyaa kan naannoo Amaaraa keessatti jumlaan hidhuuf adeemsifamaa jiru, mootummaan olaantummaa seeraa guutummaatti tuffachuu isaaf ragaa dabalataa ti jechuun Chutaangaan dubbataniiru. Angawoonni toora namootaa qabatanii dhufuu dhaan, lammiilee nagaa dhibbaan lakkaa’aman guutuu naannichaa keessaa to’annaa jala ennaa oolchan ajaja hidhaa fi sakatta’iinsaa utuu hin dhiyeessiin ta’uu namoonni ijaan argan ibsaniiru. Akka seerri biyyoolessaa fi heerri biyyattii jedhutti, kanneen hidhaman kun sa’aatii 48 keessatti mana murtii seeraatti hin dhiyaanne.

Amnestiin, angawoonni Itiyoopiyaa nama jumlaan hidhuu hatattamaan akka dhaaban, yakkaawwan sadarkaa addunyaatti beekaman dalaguu dhaan kanneen hidhaman irratti himannaa akka banuu fi adeemsa sirrii ta’e akka hordofu ykn osoo hin tursiisin namoota kana akka hiiku yaadachiiseera.

“Angawoonni namoota jumlaan hidhuu akka meeshaa hacuuccaatti fayyadamuu yeroon itti dhaaban amma” jedha ibsi Amnesitiin baase kun. VOA tajaajilli Gaanfa Afriikaa dubbi himaa naannoo Amaaraa fi dubbi himaa Raayyaa Ittisa Biyyaa Itiyoopiyaa biraa deebii argachuuf yaalii taasisee jira. Deebii hatattamaa argachuuf hunda isaanii argachuun hin danda’amne.

Forum

Tamsaasa Guyaadhaa Guyyaa

Tamsaasa Guyaadhaa Guyyaa
please wait

No media source currently available

0:00 0:29:58 0:00
More
XS
SM
MD
LG