Xurree ittiin seenan

Breaking News

Naannoo Amhaaraa Keessatti Yakki Namoota Ukkaamsanii Fudhachuu Yaaddessaa Tahuun Ibsame 


Komishiin poolisii naannoo amhaaraa ibsa kenneen Waggoota sadii darbaniif naannoo Amharaa keessatti yakki namoota ukkamsanii fudhachuu dabala dhufuun yaaddeessaadha jedhe . Komishinii poolisii naannoo Amharaatti hoogganaa kutaa miidiyaa kan ta’an Komaandar Masaafinti Isheetee Sagalee Ameerikaatti akka himanitti waggaa darbe qaofa naannicha keessatti yakki namoota uukkamsaanii fudhachuu namoota 287 irratti raawwatameera jedhaniiru. Lakkoofsi kunis yakkoota raawwataman sana sirriitti agarsiisuu mala kan jedhan Komaadaar Masaafinti kunis namoonni yakki kun irratti raawwatamu firoonnii fi maatiin isaanii gara qaama seeraa dhufurra kallattiin warra yakka namoota ukkaamsuu raawwatan kan waliin dhuunfaan dubbachuun mallaqa kaffaanii namoota ukkaamfamanii fudhataman gadhiisiisu filatu waan ta’eef jedhan.

Komishiniin mirga namoomaa Itiyoophiyaa gabaasa Hagaya 28 bara 2016 baase keessatti Naannoolee Amhaaraa fi Oromiyaa keessatti wal waraansi qaamoolee hidhatan waliin taasifamaa jiru dheerachuu isaarraan kan ka’e bakkoota tokko tokkotti caasaan mootummaa laafuu isaarraa kan ka’e namoonni butamanii fudhatamu jedhee , yommuu butamanii fudhatamanittis maallaqa kaffalanii akka gadhiifaman taasifamu, kanneen maallaqa kaffalauu dadhabanis ni ajjeefamu jedheera.

Komishinii Poolisii Amahaarraatti hoogganaan kutaa miidiyaa Komaandar Masdaafinti Isheetee , naannicha keessatti yakkoota akkasii to’achuuf sadarkaa naannootti sirni haqaa jabaan haaraan bara kana akka jalqabamuuf jiru ibsaniiru jechuun Bahaardaar Irraa Asteer Misgaanawuutu gaabase.

Forum

Tamsaasa Guyaadhaa Guyyaa

Tamsaasa Guyaadhaa Guyyaa
please wait

No media source currently available

0:00 0:29:59 0:00
More
XS
SM
MD
LG