Eegdonni Daangaa Liibiyaa naannoo gammoojjii daangaa Tuuniziyaatti dubartootaa fi daa’imman dabalatee garee godaantota Afrikaa baraaranii jiru. Godaantonni lubbuun hafan kun akka jedhanitti, aanga'oonni Tuuniziyaa gara bakka baadiyyaa fagoo kanaatti kan isaan geessan yoo ta'u, bishaan, nyaataa fi bakka jireenyaa malee gammoojjii keessatti akka hafan heedduun isaanii mirkaneessanii jiru.
Namoota lubbuun hafan keessaa tokko Muusaa Khaalid akka jedhutti, aanga'oonni Tuuniziyaa waan isaan qaban hunda erga jalaa fudhatanii booda, isaa fi namoota ka biroo naannoo gammoojjii daggala walakkaa jirutti nu gatan jedhan. Innis ta'e warri kaan poolisii Tuuniziyaatiin reebamuun, mataa isaa irra miidhaan akka ga'ee fi harki isaa akka cabe Muusaan dubbateera. Amma ammoo aanga'oonni Liibiyaa bakka dahannaa akka isaaniif kennan gaafatee jira.
Eegdonni Daangaa Liibiyaa guyyoota muraasa darban keessa yoo xiqqaate dhiirota jahaa fi garee dubartootaa fi daa’imman kannen aduu fi ho’i digrii seentigireedii 40 ol ta’e keessatti ukkaamaman argachuu isaanii ibsan.
Forum