Xurree ittiin seenan

Breaking News

Naannoo Itiyoophiyaa Kibbbaa Keessatti Mukti Namoota Gabaa Jiran Irratti Kufuu Isaatiin Namoonni 7 Du’an


Naannoo Itiyoophiyaa Kibbbaa Keessatti Mukti Namoota Gabaa Jiran Irratti Kufuu Isaatiin Namoonni 7 Du’an
Naannoo Itiyoophiyaa Kibbbaa Keessatti Mukti Namoota Gabaa Jiran Irratti Kufuu Isaatiin Namoonni 7 Du’an

Naannoo Itiyoophiyaa Kibbaa, godinaa Yakkii, Bakka “Gabaa Kamisaa” Jedhamee waamutti murkti namoota gabaa keessa jiran irratti kufee namoonni toorba du’uu isaanii poolisiin nannichaa beeksisee jira.

Koomishinii Poolisii naannichaatti, Daarektarri Daarektoreetii Odeeffannoo fi Tika Nagaa, Inispektar Dajanee Asaffaa Sagalee Ameerikaaf ibsa kennaniin, Kamisa har’aa jechuun Bitootessa 13, bara 2025 akka Itiyoophiyaatti waaree booda sa’atii toorbaa fi daqiiqaa 15 irratti mukti guddaan walakkeessa gabaa ture namooa gabaa keessa jiran irratti kufee namoota lama ajjeesuudhaa ala, ka biroo saddeet irras miidhaa jabaa fi sasalphaa geessisee jira, jedhan.

Kannaan balaa jiginsa mukaatiin du’an keessaa 6 dubartoota fi tokko da’ima tahuu Inspektar Dajaneen Sagalee Ameerikaatti himanii jiran. Poolisiin reeffa namoota du’anii kaasuu isaa kan dubbatan, Insektarichi, kanneen madaa’an keessaa dhiironni lama gara Hospitaala Teeppiitti, kanneen miidhaan jabaan mudate ammoo wal’aansa wayyaawaadhaaf gara Hospitaala Riferaalaa Jimmaatti ergamee jira, jedhan. Jiginsa murkichaatiif sababaan, bara dheeraa turee dulloomuu mukichaa akka tahuu malu dubbatan. Suuraan kan waajira Koomunikeeshinii naannichaa ti.

Forum

Tamsaasa Guyaadhaa Guyyaa

Tamsaasa Guyaadhaa Guyyaa
please wait

No media source currently available

0:00 0:29:58 0:00
More
XS
SM
MD
LG