Xurree ittiin seenan

Breaking News

Naannoo Samaalee Handaara Jabutii ka Jirtu Magaalaa Ayishaa Keessatti Mormii Ka’een Namoonni 2 Du’uu fi Kaan Madaa’uun Himame 


FAAYILII - Magaala guddoo naannoo Soomalee, Jigjigaa
FAAYILII - Magaala guddoo naannoo Soomalee, Jigjigaa

Naannoo Affaar keessatti dhalattoonni Somaalee seera-malee manaa fi qehee isaanii buqqifaman, jedhan akka qehee isaaniitti deebi’an gaafachuudhaan lammiwwan magaalaa Ayishaa irratti loltoonni waraana raayyaa ittisa biyyaa tarkaanfii fudhataniin namoonni nagaan ajjeesamuu, jiraattonni jiraattonni Sagaleen Ameerikaa dubbise himanii jiran.

Jubuutii Kibbaa irraa kiiloo-meetira 46 irratti kan argamtu magaalaa Ayishaa, ka naannoo Somaalee keessatti argamtu keessa namoonni jiraatan “haleellaa hidhattoonni Affaar raaw’ataniin dhalattoonni Somaalee kumootaan lakkaawaman seera qehee isaanii irraa buqqa’an” jedhan qehee isaaniitti akka deebisan dhiibbaa gochuuf guyyoota lamaaf jechuun Dilbata Bitootessa 17 fi Wixata Bitootessa 18 daandii guddaa Jabuutii irraa gara Itiyoophiyaatti geessu fufanii akka turan – dubbatan, jiraattonni kun. Sababaa kanaaf Raayyaan Ittisaa ka Federaalaa Dilbata galgala magaalaa Ayishaa jiraattota waliin marii taasisuu isaa, garuu waliigaltee irra gahuu dhabuu isaa fi walitti-bu’insi uumamee namoonni 2 ajjeesamuu fi kaan madaa’uu dubbatan, jiraattonni Sagaleen Ameerikaa dubbise. Jiraattonni kunneen RSAf akka himanitti, dhalattoonni Somaalee gara kuma 40 ta’an, kanneen naannoo Affaar keessaa buqqa’an, mana dhabanii alatti gatamanii jiru, jedhu

Karaa hadiidaa guddaan Jabutii fi Itiyoophiyaa wal-quunnamsiisuu Wixata waaree boodaa jalqabee banaa tahuu isaa, garuu hadiidiin isaan waan bubuqqa’eef tajaajila kennuu akka hin jalqabiin kan duraan miseensa Koomishina Poolisii Naannoo Somaalee turan, Obbo Alii Samiree Sagalee Ameerikaaf ibsanii jiru.

Dhimma kana irrattti akka ibsa kennan dura-taa’aan magaalattii Abdii Furee fi hoogganoonni aanaa sanaa bilbilaan argachuuf carraaqqiin Wixata irraa eegalee carraaqqiin taasisne hin milkoofne. Dura-taa’aa godinaa Siitii, Obbo Mohaammad Rabee fi Ministara Ittisa Biyyaatti daarektara ka tahan, Obbo Geetinnet Adaanees bilbilaan argachuun hin danda’amne.

Forum

Tamsaasa Guyaadhaa Guyyaa

Tamsaasa Guyaadhaa Guyyaa
please wait

No media source currently available

0:00 0:29:44 0:00
More
XS
SM
MD
LG