Xurree ittiin seenan

Breaking News

Naannoon Amaaraa Filannoof Qophii Xumuruu Isaa Beeksise


Koomishinar Tekollaa Ayiifokiru
Koomishinar Tekollaa Ayiifokiru

Boordiin filannoo Itiyoopiyaa, filannoo biyyoolessaa wixata dhuftuuf qophee taasisu roobii kaleessaa xumuruu isaa beeksisee jira. Qophiiwwan kana keessaa dhaabolii naga eegumsa mootummaa waliin qal ta’uu dhaan nageenya lammiiwwanii mirkaneessuu dha.

Akkuma kanaan komishinerri naannoo Amaaraa Tekola Ayfokkiruu wixata dhuftu sadarkaa biyyoolessaatti kan geggeessamu filannoo guutuu biyyaa ilaalchisee sabaa himaaf akka ibsanitti filannoon dhufaa jiru rakkoo nageenyaa tokko malee akka geggeessamu qopheen duraa xumurameera jedhan.

Filannoo sana duraa fi isa booda rakkolee mudachuu danda’u jedhaman qoratamanii adda kan ba’an ta’uu kan ibsan komiishinerichi, rakkooleen yaaddissoo ta’an jedhamanii adda baafaman martinuu komaand poostiin waan hundaa’eef hatattamaan deebii argatu jedhan. Uummati sagalee kennus akka hin yaaddofne, humnoonni nagaa eegsisisan bakka hundaatti qophaa’anii akka eegan taasisamuu komishiner Tekollaa Ayifokkiruu ibsaniiru.

Humni naga eegumsa naannoo Amaaraa illee hanga gandaatti hundaa’uu dhaan komaand poostiin kan hoogganamu yoo ta’u, uummati filatu, haalli yakka irraa walaba ta’e waan uumameef yaaddoo malee akka filannootti hirmaatu yaadachiisaniiru jechuun Aster Misgaanaaw Baahirdaar irraa gabaasteetti.

Tamsaasa Guyaadhaa Guyyaa

Tamsaasa Guyaadhaa Guyyaa
please wait

No media source currently available

0:00 0:29:59 0:00
More
XS
SM
MD
LG