Xurree ittiin seenan

Breaking News

Mootummaan Naannoo Somaalee Hongee Ittisuuf Qarshii Miliyoona 500 Ramade


FAAYILII - Dubartoota bishaan waraabuu deeman, Naannoo Somaalee Amajjii 26, 2026
FAAYILII - Dubartoota bishaan waraabuu deeman, Naannoo Somaalee Amajjii 26, 2026

Kaabineen naannoo Somaalee hongee naannoo sana mudate ittisuuf kan oolu bajata itti dabalaa qarshi miliyoona 500 ramaduu isaa beeksise. Naannoon sun kana dura karaa ofii isaa fi mootummaa federaalaatiin hongee sana ittisuuf hanga yoonaa hojii irra kan oolchee fi hojii irra oolchuuf kan qopheesse qarshii biliyoona 2 ol ga’ee jira. Mootummaan naannoo Somaalee, yeroon roobaa sadii darbuu isaan kan ka’e hongeen kun mudachuu akka malu tilmaamuu dhaan, baatii xumura Onkoloolessaa qabee miidhaa hongeen kun dhaqqabsiisu xiqqeessuuf socho’aa akka ture prezidaantiin naannoo Somaalee obbo Musxafaa Mehammed ibsaniiru.

Odu gabaasaa VOA waliin gaaffii fi deebii gabaabaa kan geggeessan prezidaantiin naannichaa obbo Musxafaa Mehaammed, mootummaa naannoo sanaa mormuu dhaan ibsa baasaa kanneen jiran hoogganoonni naannichaa duraanii, ergama mataa isaanii kan qaban kanneen dhimma raawwachiisni jedhanii jiran.

Naannoon sun gama malaammaltummaan fi bulchiinsa gaariin rakkoo qabaachuu isaa kan hin dhoksine obbo Musxafaa Mehammed, ta’us kana kana duraa waliin yeroo ilaaamu, wal madaaluuf illee kan dhiyaachuu hin dandeenyee fi naannichi ijaarsa waaltaalee illaalchisee fooyya’ina guddaa argamsiisaa jira jedhan jechuu dhaan Addis Chekol gabaaseera.

Tamsaasa Guyaadhaa Guyyaa

Tamsaasa Guyaadhaa Guyyaa
please wait

No media source currently available

0:00 0:29:59 0:00
More
XS
SM
MD
LG