Xurree ittiin seenan

Breaking News

Naayijeeriyaan Garee Kashlabboota Shororkeessota Gochuun Ramadde


FAAYILII - Namoota haleellaa garee kashlabootaa jalaa miliqan keessaa, Fulbaana 22, 202
FAAYILII - Namoota haleellaa garee kashlabootaa jalaa miliqan keessaa, Fulbaana 22, 202

Mootummaan Naayijeeriyaa kaaba biyyattii gama dhiyaa keessatti hookkaraa fi jeeqama ittisuuf jecha gareelee nama ukkaamsanii butan fi gareelee hidhatan shororkeessummaan himatee jira.

Gareelee shiftaa kanneen yakkamtoota jedhaman Naayijeeriyaa kaaba gama dhiyaa fi walakkeessa baha biyyattii keessaa gandeen saamaaa fi namoota ukkaamsanii butuun maallaqa gaafataa kan turan yoo ta’u, hokkarri jiru garuu daran babal’ataa adeeme.

Mootummaan prezidaant Muhammadu Buhaarii, garee jihaadaa kanneen kutaa biyyattii kaaba gama bahaa keessaatti kurna tokkoo oliif kan duulan yoo ta’u, kashlabboota yakkamtootaa biraa haleellaa raawwatamu akka dhaabsisaniif dhiibbaa jala jiru.

Kashlabboonni yakkamtootaa kanneen ijoollee barattootaa walitti qabuun ukkaamsanii butan, gad dhiisisuuf immoo maallaqa gaafatan, beeladaalee saamanii fi qabeenyaa mancaasan yakka isaan raawwatan keessaa ti.

Seerri farra shorokeessummaa Naayijeeritya, hidhattoonni shakkamtoota shiftootaa, kanneen ragaa dhiyeessaniif fi deggertoonni isaanii fakkeenyaaf boba’aa fi nyaata utuu dhiyeessaniifii kanneen qabaman irratti uggura cimaa kaa’a.

Humnoonni naga eegumsaa yakkamtoota kana bosona isaan keessa dhokatan keessaa ari’uuf yaalii taasisseen samii irraan weerara geggeessuu akkasumas tajaajila bilbilaa cufuu dabalatee kaaba gama dhiyaa biyyattii keessatti tarkaanfii fudhachuu isaa beeksisee jira.

Tamsaasa Guyaadhaa Guyyaa

Tamsaasa Guyaadhaa Guyyaa
please wait

No media source currently available

0:00 0:29:58 0:00
More
XS
SM
MD
LG