Xurree ittiin seenan

Breaking News

Kibxata Har'aa Naayiroobii Keessatti Poolisoonni Hiriirtota Mormiif Bahan Irratti Gaazii Imimmaansu Dhukaasan


Firoonni fi hiriyyoonni reeffa dargaggeessa ganna 19 Ibraahim Kamau, bakka awwaalchaa Kariakor keessatti awwaalanii oggaagalan, Waxabajjii 28, 2024.
Firoonni fi hiriyyoonni reeffa dargaggeessa ganna 19 Ibraahim Kamau, bakka awwaalchaa Kariakor keessatti awwaalanii oggaagalan, Waxabajjii 28, 2024.

Keeniyaatti sababa labsii daballii Gibiraa mootummaan baasee tureen mormiin torbaan lama dura jalqabee ture, Labsichi akka haqamu pireezidaantiin biyyattii erga beeksiisaniin boodas har’as guyyaa lammaffaaf mormiin taasifameera.

Pireezidaanti Wiiliyaam Ruutoo mormii labsii daballii gibiraa irratti taasifame namoota hamoo fi yakkamtootaan karaarra maqfame jedhanii erga ibsa kennaniin booda , paarlaamaan biyyattii erga raggasiiseen booda hojiirra oolmaa isaaf akka hin mallatteesine ibsa kennuun isaanii yaadatama. Rogeeyyiin biyyattii kanneen hiriira mormichaaf waamicha taasisaa turan garuu ammas waamicha isaanii ittuma fufanii jiru. Akka Gabaasa Ajaansi Firaansi Pireesitti Kibxata har’aas magaalaa Naayiroobii keessatti namoonni lakkoofsaan xiqqoo ta’an mormiif gara daandiitti kan ba’an yommuu ta’u poolisiin gaaza imiimmaansu itti dhukaasuun bittimseera. Hiriirri mormii Kibxata har’aa magaalaa Naayiroobiin alattis magaalota akka Mombaasaa, Kisumuu fi Niyeerii keessattis taasifameera.Hiriirri mormii labsii daballii gibiraan jalqabe amma Wiiliyaam Ruuttoo aangoorraa haa bu’uutti jijjiirameera.

Kibxata Har'aa Naayiroobii Keessatti Poolisoonni Hiriirtota Mormiif Bahan Irratti Gaazii Imimmaansu Dhukaasan
please wait

No media source currently available

0:00 0:02:08 0:00

Kibxata har’aa dhaabbileen daldalaa hedduunis cufaa akka turan Ajaansi Firaansi Pirees gabaaseera. Komishiniin mirage namoomaa biyyaalessa Keeniyaa wiixata kaleessaa ibsa baaseen hiriira mormi labsii daballii Gibiraaf taasifameen namoonni 39 yommuu ajjeefaman namoonni 361 immoo madaa’aniiru jedhee qaamooleen nageenyaa humna madaalawwaa hin taane namoota mormiif ba’anirratti fudhachuu isaanii qeeqeera. Akka Ibsa Komishinichaatti galmeewwan himannaa 32 kan banamaniiran yommuu ta’u namoonni hiriira mormii kanarratti hirmaatan 627 to’annaa jala jirus jedheera.

Labsiin daballii gibiraa kan taasifame Idaa biyyoota alaa Keeniyaarra jiru kaffaluuf akka ta’e kan ibsee ture mootummaan Keeniyaa , Idaan liqaa biyyittiirra jirus doolaara Biiliyoona 78 ykn Shilingii Keeniyaa Tiriiliyoona 10 akka ta’edha. Wiiliyaam Ruutoo Pireezidaantiin Keeniyaa dilbata darbe kana gaaffii fi deebii taasisaniin sababa labsiin daballii gibiraa kun haqameen ammayyuu biyyittiin liqii dabalataa Doolaara biiliyoona 7.7 liqeeffachuuf dirqamti jedhaniiru.

Pireezidaanti Joo Baayideen Murtii manni murtii ol aanaa Yuunnaayitid Isteetisi Wiixata kaleessaa Doonaald Tiraampi yeroo aangoorra jiranitti waan raawwataniif mirga himatamuu dhabuu qabu jedhee murteesse mormuun ibsa kennaniiru.

Forum

Tamsaasa Guyaadhaa Guyyaa

Tamsaasa Guyaadhaa Guyyaa
please wait

No media source currently available

0:00 0:29:58 0:00
More
XS
SM
MD
LG