Magalaa guddoo Keeniyaa Naayiroobii keessatti Kamisa har’aa namoota hiriira mormii ba’ani irratti poolisiin gaaza imiimmaansu dhukaasuun bittimteesa. Mormichi isuma kanaan dura ture Ruutoon aangoo akka gadhiisu kan gaaftudhas jedhameera.
Mormii daballii gibiraa sababeeffachuun ji’a Waxabajjii darbe kan dargaggootaa biyyattiin hoogganame lubbuu namoota 50 olii darbuuf sababa ta’ee fi pireezidaantiin biyyattii Wiiliyaam Ruutoo kaabinee mootummaa isaanii akka diiganiif sababa ta’e, guyyaa har’aas itti fufuun waamicha hiriira mormii maqaa , “Nane, Nane” jechuunis “Saddet ,Saddet “ kan guyyaa saddeetaffaa fi ji’a saddeetaffaan tasifamaa tureen har’a magaalaa Naayiroobii keessati manneen daldalaa hedduun cufaa turan. Poolisiin heddumminaan daandii cufuun namoota hiriira ba’anirratti gaaza imiimmansu dhukaasuun addaan bittimseera. Namoonni hiriira mormii kana taasisanis dhaadannoo Wiiliyaam Ruutoo pireezidaantiin biyyattii aangoo haa gadhiisu jedhudha.
Mormii kanaan dura ture hordofee Wiiliyaam Ruutoo labsii daballii Gibiraa kan paarlaamaa biyyattiin mirkanaa’e ture gara hojiirra oolmaa isaaf hin mallatteesiin dhiisuun haqamuu isaa labasnii, ministira haajaa alaa irraa kan hafe Kaabinee mootummaa isaanii kan malaammaltummaa fi bulchiinsa badaa ta’’een komiin irratti ka’e diiganii ture. Kaabinee mootummaa haaraa hundeessan keessatti mormitoota keessaas kan itti makan yommuu ta’u kanneen pireezidaanticha qeeqan immoo tarkaanfii walii galtee malaammaltummaa dhoksuuf taasifame jechuun Ruutoon aangoo gadhiisuu qaba jedhu. Kaabinee haaraan pireezidaanti Wiiliyaam Ruutoon filataman Kamisa har’aa sirna kakuu raawwataniiru.
Wiiliyaam Ruutoo sirna kakuu rawwaanna kaabinee isaanii haaraa irratti haasaa dhageessisaniin “ Sadarkaa Keeniyaan har’a irra jirtuun yommuu dorgommiin fayyaa qabeessaa fi gaarii ta’ee jirutti fedhiin uummataa fedhii caaseffama siyaasaan olidha “ jedhan.
Mormii uummataa kan Ruutoon aangoo akka gadhiisu gaafatu eenyu akka hoogganu hin beekamne waamichi isaa garuu kaara toora miidiyaalee hawwaasaa taasifama.
Forum